Mootummaan Chaayinaa dhiheenya kana Yunaaytid Isteetis gurgurtaa meeshaalee waraanaa fi gargaarsa Taayiwaan, labsiteef deebii kennuudhaaf jecha dhaabbilee torba irratti qoqqobbii kaa’eera jedha.
Taaywaan odola ofiin of bulchituu yoo taatuu Chaayinaan garuu Taaywaan lafa biyya kootiiti jechuun falmitii.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Jimaata har’a akka jedhetti qoqqobbiin kun kan dhufes seera baasii waggaa kan ittisaaf mootummaan Yunaaytid Isteetis dhiheenya kana raggaasifameef ideebii ta’uu isaa ibsee, “qabxilee chaayinaaf gaarii hin taanee baayye of keessa qaba ” jedheera.
Chaayinaan gargaarsa waraanaa Ameerikaan Taayiwaaniif gootu mormti, kana malees yeroo baayyee immoo dhimmii gurgurtaa ykn gargaarsaa erga labsamee booda dhaabbilee dhimmichatti hidhata qaban irratti qoqqobbii keessi.
Qabeenyi dhaabbileen kunneen Chaayinaa keessaa qaban kamiyyuu akka hin sochoonee kan dhorkamu yoo ta’u, dhaabbileen fi namoonni dhuunfaa Chaayinaa keessa jiran sochii hojii kamiyyuu isaan waliin akka hin gaggeesine dhorkamaniiru.
Forum