Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayijeeriyaan Guyyaa Ayyaana Qillee Roobii Dabree Haleellaa Xayyaaraa Namoota 10 Ajjeese Qorataa Jirti


FAAYILII - Haleellaa xiyyaaraa waraanaa Naayijeeriyaa kutaa Sokoto keessatti Mudde 25, 2024 raawwateen namoonni kudhan ajjeefamaniiru
FAAYILII - Haleellaa xiyyaaraa waraanaa Naayijeeriyaa kutaa Sokoto keessatti Mudde 25, 2024 raawwateen namoonni kudhan ajjeefamaniiru

Angawoonni Naayijeeriyaa kutaa Sokotoo Kaaba Dhiha keessatti haleellaa xiyyaaraa guyyaa ayyaana Qillee waraanni raawwateen yoo xiqqaate namoota 10 galaafate sana rratti Kamisa kaleessaa qorannoo jalqaban.

Bulchaan Sokotoo Ahmad Aliyyuu ibsa baasaniin haalawwan haleellaa xiyyaaraa Roobii ganama raawwatameef sababa ta’an irratti qorannoon gadi fageenyaan mirkaneessuuf waraana Naayijeeriyaa waliin mari’achaa akka jiran dubbataniiru.

Waraanni gama isaan ibsa Roobii darbe baaseen garee haleellaan kun shororkeessoota Lakurawaa kan gandoota Gidaan fi Rumtuwaa keessaa irratti kan xiyyeeffatee akka ture ibse. Aliyuun garuu haleellaan kun “lubbuu lammiilee qulqulluu galaafate” jedhan. Angawoonni kutaa biyyattii akka jedhanitti namoonni 10 du’uu fi hedduun madaa’uu isaanii ibsaniiru.

Aliyuun maatii miidhamtootaaf jajjabina kan hawwan yoo ta'u, maallaqaa fi nyaataan akka deeggaran waadaa galaniiru.

Taatee kun waggoota darban keessa haleellaa akka tasaa walduraa duubaan raawwatame keessaa isa dhiyeenyaa yoo ta’u, Amnestii Intarnaashinaal dabalatee gareewwan mirga namoomaaf falman biratti yaaddoo hammeessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG