Manni murtii olanaa Federaalaa kan Itiyoophiyaa dameen Diree dawwaa dhaddacha isaa socho’aa Jigjigaatti miseensota Alshaabaab 88 irratti Mudde 25 darbe kanatti hidhaa hanga waggaa 20 murteesse.
Ministira haqaatti hoogganaan damee Dirree dawaa Obbo Qaasiim Amaan Sagalee Ameerikaatti akka himanitti sahakkamtoonni 81 kan galmee tokko jalatti himatamaniiranii fi shakkamtoonni biroo 7 kanneen galmee garaa garaa sadii jalatti himatamaniiran hidhaa ji’oota ja’aa hanga waggaa 20tti itti murtaa’eera jedhan. Miseensoonni Alshabaa 81 kunneen kanneen namoota siivilii 323 fi miseensota poolisii humna addaa irratti halleellaa raawatanii fi qabeenyaa miiliyoona 23 irratti miidhaa dhaqqabsiisanis jedhaniiru. Alshabaab biyyoota akka Yuunaayitid Isteetisii fi Itiyoophiyaan Akkasumas kanneen biroon dhaaba tarree shororkeessummaa jala galeerudha.
Forum