Albuuda warqii qotanii baasuun Naannoo Tigiraay gama lixaatti taasifamu miidhaa geessisaa jiraachuu isaa sagaleen Ameerikaa kana dura bal’inaan gabaasee kan ture yommuu ta’u guyyaa dilbata kaleessaa dhalattoota Shiree Indaasillaasee waliin magaalaa Maqaleetti kan wal ga’ii taasiisaniran itti aanaa Pireezidaantii yeroo naannichaa Leetenaanti Jeneeraal Tsaadiqaan Gebire Tinsaayee albuuda warqii baasuun naannoo sanatti gaggeeffamu akka dhaabbatu ji’oota Shan dura murtoon darbuu himanii rakkoo keessoo keenyatti uumamee jiruun humna waan kana raawwachiisu naannoo sanatti hin arganne jedhaniiru. Albuuda warqii kana irraa galiin argamu naannicha deebisanii dhaabuuf akka ooluu fi namoota naannoo irratti sababa Keemikaalaan miidhaa irra ga’aa jiru hir’isuuf akka dhaabbatu mureessuus eeranii murtee kanas hojiitti hiikuuf gareen hundaa’uus ibsaniiru.
Dhaabni adda bilisa baasaa uummata Tigiraay kan Doktar Debiretsiyoon Gebiremikaa’eeliin durfamus guyyoota Kudhaniin dura ibsa baaseen saamicha albuuda warqii baasuu irratti taasifamu ittisuuf yeroof akka dhaabbatu ni qabsoofna jedhee dargaggoonni fi hawwaasni naannichaa kan karaa mala aadaan baasan garuu akka itti fufan jedhee ture.
Dhaaboliin siyaasaa mormituu Areenaa Tigiraay, Baayitoonaa fi Wuddib Tsinaat Tigiraay waliin ta’uun waraqa qorannaa haala nageenyaa fi albuda naannicha keessaa qotamaa jira jechuun gaafa sanbata darbe muddee 19, bara 2017 magaalaa Maqaleetti dhiyyeessaniin Keemikaaloonni albuuda warqii baasuuf
jecha hojiirra oolfamaa jiran namoota, bineeldootaa fi abeenya uumamaa irratti miidha geessisaa jirus jedhaniiru.
Dilbata kaleessaa immoo gaazexeessitoonni Televiziyoona Tigiraay kan mootummaa naannichaan hooganamuu naannicha keessatti haala albuuda warqii baasuu kanarratti gabaasa hojjechuuf gara Aanaa Asgedee , bakka addaa Meeyiliitti kan imalanii turan turtii sa’aatiiwwaniif to’annaa qaamoolee nageenyaa jala tursiifamuu isaanii sagalee Ameerikaatti himaniiru. Konkolaachisaa, gaazexeessaa tokkoo fi ogeessa Kaameeraa tokko ta’anii to’annaa olfamanii turu sagalee Ameerikaatti kan hime gaazexeessaa Tesfazgii Asibeey turtii sa’aatii Torbaan booda gadhiifamuus himeera.
Naannoo Tigiraay Godina Kaaba Lixaatti hoogganaa waajjira nageenyaa kan ta’an Obbo Tesfaay Abbaadii ogeeyyiin miidiyaa kunneen eeyyama naannoo sana isaan waraabsiisu waan hin qabaanneef to’atamuu danda’aniiru jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru. Isa booda garuu gadhiifamaniirus jedhaniiru.
Forum