Ji’oota Fulbaanaa fi Onkolooleessaa keesa irra deddeebbiin Kirikirri lafaa Naannoo Affaar Awwaash Fantaalleetti mudachaa ture ammas torbaanoota lamaan kan keessattis irra dedeebbin kan mudachaa jiru dilbata kaleessaa galgalas Kirkira lafaa haaraa Reektaar Iskeeliin 5.1 galmaa’eera. Kirkirri isaa hanga maagaalaa Finfinnee fi naannoowwan biroo keessatti dhaga’amuu isaa Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa Saayinsii hawaa Ji’oo Fiiziksii kan ta’an Piroofesar Attaalaay Ayyelee Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Kirikirri lafaa kun naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaa aanaa Fantallee keessattillee miidhaa dhaqqabsiisuu isaa Abbaayinee Urgee jiraataan jedhaman sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Kirirri lafaa kaleessa galgala mudate kun irra caalaatti miidhaa kan geessise magaalaa Sabureetti yommuu ta’u mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Saburee, manneen jireenyaa barsiisootaa fi biiroowwan bulchiinsaa irra midhaan ga’eera. Kan hordofees namoonni achi jiraachaa turan gara bakkoota biraatti baqachaa jiru. Aanaa Awwaash Fantaalleetti hoogganaan waajjira qonnaa fi ittis abalaa Obbo Ibiraahiim Abduu namoonni aanicha keessaa bakka kirkirri lafaa kun itti uumame irraa gara bakkoota nagaa qabu jedhamaniitti qubachiifamaa jiru jedhaniiru. Bakka Kirikirri lafaa kun mudatetti dhihoo kan jiru hidhi jallisii Kesem bishaan irra garagaluun fixinsa fiduu danda’a jechuun jiraattoonni naannicha sodaa keessa jirachuu himu. Piroofesar Attaalaay immoo hidhaa bishaanii kanarratti midha geessisuu fi dhiisuu isaa irratti qorannaan taasifame hin jiru jedhaniiru.
Forum