Waldhabdee gareewwan ABUT giduutti umameen kan ka’e, ji’a tokko ol kan cufamee jiru waajjirri kantiibaa magaala Maqalee akka banamee hojii jalqabu jiraattonni Roobii harra Muddee 23 bara 2017 hiriira bahuudhaan gaafataniiru.
Bakka lammatti kan qoodaman hoggantoonni ABUT magaala Maqalee akka bulchan kantiibotaa mataa isaanii muuduun isaanii ni beekama. Akkuma Kanaan, gareen obbo Geetaacheewu Radda inni naanichaa bulchaa jiru, kantiibaa magaalichaa akka ta’an obbo Berhaanee GebreYesuus kan muude yemmuu ta’u, gareen Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’eliin hogganamu immoo Dr. Redaa’ii Berhaa muuduun isaa ni beekama.
Waldhabdee Kanaan kan ka’e waajjirri kantiibaa magaalichaa Sadaasa 23 bara 2017 jalqabee akka cufamuu waan taasifameef ummanni tajaajilaa argachuu hin dandeenyee.
Hiriira guyyaa har’aa magaala Maqalee keessatti taasifame irratti namoottan hirmaatan keesaa nammi Liichiyaa Gebre Hiyiweet jedhaman gaafiin hiriirichaa, Kantiibaan bulchiinsaa yeroo naanichaatiin muudaman akka hojii jalqabanuu gaafachuuf akka ta’e himaniiru.
Qindeesitootaa hiriirichaa keessa tokko kan ta’an obbo Haftuu Texemqee, bakki Kantiibaa bakka Siviilotaa waan ta’eef gareewwan hidhatan achii irraa fagaachuu akka qaban gaafataniiru.
Walga’ii boordiin filannoo beekumtii hin kenineen itti anaa dura ta’aa garee Dr. Debretsion ta’uudhaan kan filataman obbo Amanu’el Aseffa Akkaatan bulchiinsii yeroo Kantiibaa muudee sirii waan hin taaneef garaa walitti bu’isaatti kan galchuu dabda’udhaa jedhanii jiru.
Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayti itti anaa prezidaantii fi itti gaafatamaa dhimma nageenyaa kan ta’an Jeeneraal Taadesee Werede ji’a Hagayyaa darbe keessa ibsa kennaniin, gareewwan lammanuu hiriiraa mormii fi degersaa irraa akka of qusatan beeksisanii jiru.
Waa’ee hiriichaa fi cufamuu waajira kantiibaa magala Maqalee ilaachisee akka yaada kennan hogantootaa gareewwan lammanni haasofsiisuuf yaaliin taasifame akka hin milkoofne Mulugeetaa Atsibaha Maqalee irraa gabaaseera.
Forum