Roobii Har’aa haleellaa waraanii Israa’eel Gaazaa keessatti raawwateen lammileen Palastaayin ajjeefamuu isaanii haanga’aonii Palastaayin beeksisaniiru. Akka haanga’oni Palastaayin ibsanitti, haleellaa xiyyara waraanaa kaabaa fi walakeesaa Gaazaa keessatti raawwate kanaan namoottan 15 ajjeefamaniiru.
Haleellaan Kaaba Gaazaa keessatti raawwaten manoottan jiraattotaa kutaa Jabaliyaati argaman irratti kan qiyeefate ta’uu isaa kan ibsan haanga’onii Palastaayin, haleelaan inni biraa immoo mooraa baqatootaa walakeesaa Gaazaatti argamuufi Bure’ij jedhamee beekamu irratti akka ta’e beeksisaniiru. Waraanii Isiraa’eel haleella kan ilaalchisee ibsa kennuu baatus, Roobii ganama jiraatonni naannoo buufata baqatootaa Bure’ij jiran akka bakka jiran gadi lakkisanii bahan akeekkachisuu isaa ibsee jira.
Dhaabbanni mootumoota gamtoomanii fi daabbileen gargaarsa namoomaa, waraanni Israa’el yeroon inni jiraatonni akka gadi lakisanii bahan kennu gabaaba akka ta’ee fi Gazaa keessatti bakki itti baqatan akka hin jirre ibsuudhaan tarsiimoo Israa’eel qeeqanii jiru. Lolli Gaazaa ji’a Onkoloolesaa bara 2023 haleelaa gareen Hamaas Israa’el irratti raawwateen jalqabamee lubuu lammilee Israa’el 1200 ta’an erga galaafatee boodaa, tarkanfii Israa’eel Hamaas irratti fudhateen amma ammaatti lammiileen Paalastaayin kuma 45 fi 200 du’anii kuna 100 fi kuma 8 kan ta’an immoo madaa’uu isaanii haanga’onni Palastaayin ibsuun isaanii gabaasameera.
Namoottan du’anii allatti, lammileen Palastaayin Gaazaa keessa jiraachaa turan Miiliyoonii Lamaa fi qabxii Sadii keessaa dhibeentaa 90n jireenyaa isaanii irraa akka bu’qaan ibsameera. US, Yunaayitid Kiing damii fi gamtaan Awurooppaa garee Hamaas garee shororkeesumaatti faraajiin isaanii ni beekama.
Forum