Kutaa Luziyaanaa, magaalaa Orlinsi keessatti guyyaa jala bulti waggaa haaraatti konkolaalichisaan tokko bakka namoonni hedduun walitti qabamanitti konkolaataa oofuu isaa hordofee lubbuun namootaa baduu isaatiin FBI eeyyama sakatta’insa qorannaa baafatee kutaalee Luziyaanaa fi isaan alattis jalqabuu isaa Roobii kaleessaa beeksiiseera. Qorannaan bakka balaan kun itti dhaqabe magaalaa Orliinsitti guyyaa kaleessaas kan itti fufe yommuu ta’u FBI akka beeksiisetti namni balaa kana dhaqqabsiisuun shakkame nama maqaan isaa Shamsud Din Jabbaar jedhamu kan umriin isaa waggaa 42 yommuu ta’u gochaa isaa kana duuba shororkeessaatu jira kan jedhu qoratamaa kan jiruu fi angawoonnimmoo konkolaachisaan kun erga konkolaataa isaa gara naamoonni baay’atanii jiranitti oofee erga balaa geessiiseen boodas konkolaaticha irraa bu’uun poolisoota irratti dhukaasa baneera jedhanii gochaa isaa kan duuba harka shororkeessitootatu jira kan jedhutti amanu.
Poolisoonni lama dhukaasa shakkamaan kun isaanirratti baneen madaa’uun kan gabaafame yommuu ta’u sakamaan kunis battalumatti ajjeefamuu danda’eera. Pireezidaant Joo Baayideenimmoo Roobii kaleessaa galgala namni Ajjeechaa kana raawwate lammii Ameerikaa kan Teeksaasitti dhalate waggoota hedduufis humna waraanaa Yuunaayitid Isteetisi keessa nama tajaajile hanga waggoota dhiyoottis humna eeggataa waraanaa akka tures himaniiru. Kanneen seera kabachiisanii fi gareen basaasaa dhimma kana waliin hidhata kan qabu maal akka ta’e qorachuutti bobbaafamanirus jedhanii namoonni Addunyaa irraa Niwuu Orliinsiin sababa seenaa isheef , aadaa fi hunda caalaa immoo uummatshee jaallatu jallatu. Namni kun magaalittii keessatti gochaa suukkaneessaa akkasii raawwachuu isaatiin hafuurri uummata keenya Niwuu Orliiinsi tasumaa hin moo’amu, yeroo hundaayyuu ifee mul’atas jedhaniiru.
Osoo shakkamaan kun balaa kana hin geessisiin dura viidiyoon miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfame akka agarsiisuutti gochaa kanaaf kakka’umsa kan ta’e garee shororkeessaa Islaamummaa akka ta’ee fi FBI immoo konkolaataa isaa keessaa Alabaa garee shororkeessaa Islaamummaa isa ISIS jedhamuu argachuu isaa beeksiiseera. Konkolaataa yakka ittiin raawwates kireeffatee ta’uu isaas ibseera.
Balaan lubbuu namootaa galaafate kun kan dhaqqabe Kibxata darbe galgala Magaalaa Niwuu Orliiinsi yommuu namoonni bara haaraa simachuuf baay’inaan jiraniti konkolaataa qabatee jiru itti oofuunidha.
Forum