Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Badhaasa Kabajaa Biyyaaleessaaf Siviloota 20’f Waayit Haawusiitti Kennuuf Jiran  


Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Badhaasa Kabajaa Biyyaaleessaaf Siviloota 20’f Waayit Haawusiitti Kennuuf Jiran
Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Badhaasa Kabajaa Biyyaaleessaaf Siviloota 20’f Waayit Haawusiitti Kennuuf Jiran

Badhaasa Meediliaayaa pireezidaantii kan lammiilee kana namoota fudhachuuf jiran keessatti Miseensi kongireesii Benii Toomsan fii miseesni Kongireesii duraanii Eliisabeet Cheenii kan qorannoo halleellaa gaafa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitool irratti raawwatame hoogganan tarreeffamaniiru. Tiraampi kan filannoo bara 2024 kan moo’atee fi ji’a kana keessa aangoo fudhachuuf jirummoo namoonni kunneen lamaan warra hidhamuu qaban jedha.

Ibsi Waayit Haawuus irraa ba’e waa’ee badhaasa kabajaa Ripaabilikaaniitti Cheeniif kennamu kan ilaaleen isheen biyya keenyaa fi yaadoota nuti dhaabbannuuf bilisummaa , kabajaa fi safuu keenyaaf sagalee kan taate jedheera. Akkasumas Toomsaniinis Ol aantummaa seeraa eeguun adda durummaan ejjennoo hin raafamnee fi amanamummaan kan dhaabbate jedheera. Namoota kanneen alattis Meerii Bonatoo fi Ivaan Wolfsan kanneen fuudhaa fi heerumni saala wal fakkaataa yuunaayitid Isteetisi keessatti seera qabeessaa akka ta’u taasiisan keessatti argamu.

Badhaasni meedaliyaa kabajaa lammiilee kan Pireezidaantiin kennamu kan hundaa’e bara 1969 tti yommuu ta’u namoota biyya isaaniif akkasumasa lammiilee isaaniif tajaajila fakkeenya ta’u kennaniif kennama. Namoonni digdamman badhaasa meedaliyaa kabajaa lammummaa kan pireezidaantiin kennamu fudhatan kunneen kanneen lammileen Ameerikaa safuu waloo fi kanneen biroo tajaajiluuf kutannoo qabaniin kan walitti hidhatan ta’uutti pireezidaanti Joo Baayiden amanuunidha jedheera Waayit Haawuus.

Forum

XS
SM
MD
LG