Abbaan Aangoo Paaleestiin Miidiyaan Aljeeziraa Inni Qaatar Maadheffate Daangaa Falastiin Keessatti Akka Hin Taamsaafamnee fi Hin Hojjenne Dhorkuu Beeksiise
Maddi oduu Paaleestiin Roobii kaleessa akka beeksiisetti Aljeeziraan gabaasa isaa keessatti qabiyyeewwan odeeffannoo dogogorsaa, kanneen jeequmsaaf kakaasaniifi dhimmoota keessoo Paaleestiin ta’an gidduu seenuu of keessaa qaban tamsaasuu isaan lafa daangaa Paaleestiin keessatti akka hin taamsaafamne dhorkameera jedheera. Waajjirri Aljeeziraa inni Ramalaah keessa jiru xalayaan dhorkii kun isa qaqqabuu isaas Ajaansi Firaansi Pirees mirkaneeffateera. Dhorkaan kun tamaasa miidiyichaa dabalatee hojii gaazeexeessitoonni miidiyichaa hojjetan hudaas kan hammatedhas jedhameera. Waajjirri Aljeeziraa kan Paaleestiin keessaas ibsa baaseen murtoo angawoota Paaleestiin kan mormeera. Gareen Haamaas kan Paaleestiin Weesti baankiin irra caalaatti to’atus ibsa baaseen murtoo angawoota Paaleestiin kan ni mormina jedhee hatattamaanis murtoo isaanii kan irra deebiin akka ilaalan gaafateera.
Dhorkiin Aljeeziraa kun kan dhufes gareen milishaa Jeniin kan mootummaa Paaleestiin aangoo irra jiru Abaasiin waraanan kan Hamaasiin deeggaraniif haguuggii miidiyaa erga kenneen boodadhas jedhemeera.
Aljeeziraan dursee Mootummaa Israa’eeliin dhorkiin irra kaa’ame yummoo ta’u Ji’a Fulbaanaatti humnoonni waraanaa Israa’eel meeshaa waraanaa hidhatanii fi kanneen fuula isaanii haguuggatan wajjira Aljeeziraa kan weesti baanki magaalaa Ramalaahitti seenuun guyyoota 45 ‘f akka dhorkameeru beeksisaniiru, akka sababaattis shororkeessummaa kakaasuu kan jedhunidha. Yeroo sanatti ministirri haajaa alaa Paaleestiin walabummaa Pireesii sarbuu jechuun balaaleffatee ture.
Forum