Ityoophiyaa kessatti sababba walti bu’insaa, hokkoraa, balaa umamaa fi qe’ee ofii irraa buqa’utiin kan ka’ee barattoonni miiliyoonii 9 ta’an mana baruumsaatii ala ta’un isaanii , mannoottaan barnootaa kuma 6 ta’an cufamuu isaanii jaarmiyaan dhaabbata mootumoota gamtomnii beeksisee jira.
Jaarmiyaan mootumoota gamtoomanii UNICEF ibsaa kamisa kalessa baase keessatti akka jedhetti , Yeroo amma naannoo bulchiinsaa Amaaraa keessatti barattoonni miiliyoonii 4.4 Oromiyaa keessatti miiliyoonii 3.2 akkasumasa Tgiraay keessatti barattoonni miiliyoonii 1.2 mana baruumsaatii ala jiru.
UNICEF ibsaa isaa kana keessatti mannoottan baruumsaa kuma 10 ykn mana barnootaa guutummaa biyyatii keessaa dhibeentaa 18 ta’an sababa waliti bu’insaa fi balaa umamatiin mancaa’aniiru.
Fulbaana 18 bara 2024 godinaa Goojama baha anaa Sinaan keessatti barsiisonni lama hidhatootaan ajeefamuun isaanii, barsiisotaa biro fi hojjatoota baruumsaa irratti soda umuu isaa kan ibsee gabaasin UNICEF, ajjeechaa barsisotaa sanaaf itti gaafatamummaa qaamnii fudhate akka jin jiree ibsee , gareen hidhatootaa naannoo Amaaraa keessaa socho’aa jiru gochichaa akka hin raawwanne ibsuu isaa eerera.
Dhimma baruumsaa fi baratootaa kana irrtti ministeera barnootaa mootummaa Ityoophiyaa irraa deebii argachuudhaaf yaaliin VOAn tasise hin milkoofne.
Karraa biraatiin, gabaasinni dhaabbata mootumootaa kun akka dabalee ibsetti, amma dhumaa ji’a Sadasa bara 2024ti dhibee busaadhaan walqabatee namoottan dhukubsatan miiliyoonii 9 ta’an guutummaa biyyatti keessatti galma’aniiru.
Sababa busaa Kanaan namoonni kuma 1,267 kan du’an yemmuu ta’u, kanneen keessaa dhibeentaa 40.9 Oromiyaa keesatti, dhibeentaan 23.5 nannoo Amaaraa keessati, dhibeentaan 9.1 naannoo kibbaa keessatti , dhibeentaan 7.5 immoo naannoo bulchiinsaa kibba- lixaa keessatti kan galmaa’ee ta’u isaa gabaasinii kun eereera.
Ijoolleewwan hanqina nyaata madaalawaa ta’e qaban kuma 100 fi gargarsa taasisuu isaa kan ibsee UNICEF, guutummaa biyyatii keessatti gargaarsaa dabalataa taasisuudhaaf malaqinii doolaara miiliyoonii 500 fi miiliyoonii 35 akka isaa barbaachisuu ibsee hanqinni dhibeentaa 76 akka isa quunname beeksiseera.
Forum