Wal dhabdeen hooggantoota dhaaba Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay gidduutti uumamee jiru gidduu seentummaa qaamoolee nageenyaa naannichaan walitti fiduuf ji’ootaaf yaaliin taasiifamaa ture osoo hin milkaa’iin hafeera jedhan Letenaanti Jeneeraal Taaddesee Werredee.
Itti aanaa Pireezidaantii yeroo naannoo Tigiraayi fi hoogganaan dhimma nageenyaa Leteenaanti Jeneeraal Taaddesee Werredee Dilbata kaleessaa mudde 27 bara 2017 ibsa sabaa himaalee naannichaaf kennaniin wal djabdee hooggantoota dhaabba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay gidduu jiru hiikuuf irra jireessaan karaa hooggantoota nageenyaa naannichaan kan hoogganamee fi miseensota diippiloomaatii hawwaasaa naannichaa keessatti hirmaataniin garaa garummaa isaanii karaa waliin dubbiin akka hiikkataniif yaaliin taasifamaa ture hin milkoofne jedhaniiru. Gareewwan kanneen lamaan walitti fiduuf qofaa qofaa isaaniitti dubbisne kan jedhan Leteenaanti Jeneraal Taaddeseen fulaa fuulatti taa’anii waliin hin dubbanne jedhanii carraa guddaanis nu jala darbeera jedhan.
Dubbii isaanii keessattis “ waliin dubbii Mo’aataa fi moo’atamaa kan hin qabne taasiisuuf hojjetamaa ture.Rakkoo karaa siyaasaa hikkamuu qabudha. Tokko isa tokko balleessuun rakkoo hiikkachuu danda’u miti. Kana tilmaama keessa galchineeti irra deddeebbiin yaalii taasiisaa kan turre. Adeemsichi walitti deeddisuu qaba ture. Garaa garaumaan karaa waliin dubbii akka hiikkatuuf yaalii taasiisaa kan turre, ta’us hin milkoofne.”
Gidduu seentummaan kun kan hin milkaa’iin hafes qaamooleen lamaan mo’aataa karaa ta’uu danda’an hordofuu irra walii walii isaanii balleessuu irratti xiyyeeffachuu isaaniitis jedhaniiru. Rakkoon isaanii kun karaa siyaasaa akka hiikkatuuf ummaanni dhiibbaa irratti taasiisu qabas jedhaniiru.
Dhimma kana ilaalchisuun garee Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay kan Obbo Geetaachoo Raddaan durfamutti miseensa koree gidduu galeessaa kan
ta’an obbo Radda’ii Haleefoom irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuf hin milkoofne. Yaa’ii Dhaabba ABUT kan boordiin filannoo biyyaleessaa beekamtii hin kennine irratti itti aanaa dura taa’aa dhaabichaa ta’uun kan filatamaniiran Obbo Amaanu’eel Aseffaa immoo ABUT tokko qofaatu jira, garee adda ba’eeru hin qabu, garee miseensoonni isaa dhibbeentaan 83 yaa’ii isaarratti hirmaataniiran malee garee biraa hin qabu. Isa isin garee jettanii gabaastaniif ibsa homaatuu kennuu hin barbaadnu jechuun Sagalee Ameerikaatti dubbataniiru.
Forum