Itiyoopiyaa keesssaa manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa kan dhuunfaa 84 hojii baruu fi barsiisuu akka itti hin fufne kan itti murtaa’e ta’uu Abbaa ntaayitaa barnootaa fi leenjii biyyattii beeksisee jira. Tarkaanfiin kun kan fudhatame, waaltaaleen kun irra deebi’uun akka galmeessaniif qajeelfama ba’e kabajuu dhabuun akka ta’e hoji raawwachiistuun kominikeeshinii fi hariiroo uummataa Abbaa taayitaa barnootaa fi leenjii Maartaa Admaasuu VOAf ibsaniiru. Kan VOAf yaada kennan qaamotiin damee dhuunfaa immoo galmeessuu irra deebiif yeroon kenname gabaabaa dha, qajeelfamni galmeessuu sunis kan mariin irratti hin geggeessamnee fi hojii kan nama hin hojjechiisne dha jechuu dhaan komee dhiyeessaniiru.
Maartaa Admaasuu VOAf akka himanitti qulqullina barnootaa fooyyessuuf adeems jalqabeen, waaltaaleen barnoota sadarkaa ol aanaa kan dhuunfaa, akka haaraatti galmaa’uuf dandeettii isaanii qorauun barbaachisaa ta’eera jedhan. Akkuma kanaan sadarkaa biyyaatti waaltaaleen barnootaa 372 debisanii akka galmaa’an waamichi dhiyaateefii hanga ammaa kanneen hin galmaa’in irratti tarkaanfiin fudhatame jedhan.
Dhimma kana ilaalchisuun yaada kan kennan qaamotiin damee barnoota kanaa gama isaaniin murtii sana mormaniiru. Tarkaanfiin kan irratti fudhatame waaltaalee barnootaa keessaa tokko kan ta’e Iskiil Maart Internaashinaal Koolej keessaa kan hojjetan tuquu isaanii eeruu dhaan yaada isaanii dhuunfaa kan VOAf kennan obbo Beqqelee Mindaa, murtiin sun dogoggora jechuun komii isaanii dhiyeessaniiru. Waggoota ja’an darbanii qabee barattoonni qoramaata kutaa 12ffaa darbaa jiran xiqqoo waan ta’aniiif digirii jalqabaa fi lammataa kanneen baratan argataa hin jirru, kanaanis galiin keenya dadhabeera jechuun kan ibsan obbo Beqqeleen, yeroo kanatti tarkaanfii akkasii fudhachuun fudhatama hin qabu jedhan. Irra deebinee akka galmoofnuufis yeroo ga’aan hin kennamne jechuun murtii sana qeeqaniiru.
Itti gaafatamtuun waajjira Abbaa taayitaa sanaa Maartaa Adimaasuu garuu komee sana hin fudhatan. Maqaan waaltaan barnootaa isaaniis ta’e eenyummaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan damee dhuunfaa sana keessa namni jiran tokko, waaltaan isaanii kanneen deebisanii galmaa’an keessa jiraatus, qajeelfamni sun garuu waaltaaleen sun akka itti fufu kan eeyamu miti, mariin irratti hin geggeessamne jedhan. Dubbi himtuun waajjira Abbaa taayitaa Maartaa Admaasuu gama isaaniin, ajaji sun waltajjiiwwan hedduu irratti mariif kan dhiyaate dha jechuu dhaan qeeqa sana fudhatama dhabsiisaniiru. Waahila Iskiil Maart Internaashinaal kan ta’an obbo Beqqele Mindaa, waaltaaleen barnoota dhuunfaa kan sadarkaa olaanaa rakkoolee adda addaa utuu qabanii qajeelfamni akkasii ba’uun, waaltalaee sana hojii dhaa ala gochuun waan yaadameefi jedhan.
Dubbi himtuu kan ta’an Maartaa Admaasuu, kanneen deebisanii galmaa’un irra ture koollejiiwwan 372 keessaa 102 galmaa’uu ibsanii, kanneen keessaa tarkaanfiin kan irratti fudhatame 84 jedhan. Sagal immoo itti aansuun tarkaanfii kan irratti fudhatamu ta’uu akeekkachiisaniiru. Haa ta’u malee deebisanii galmeessuun kun waaltaalee kana kaayyoo hojii dhaa ala gocuu hin qabu jedhan.
Dhimma kana irratti hoogganoota manneen barnoota sadarkaa ol aanaa, waaltaalee oguma teekinikaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun GebreMikaa’el GebreMedin gabaaseera.
Forum