Godina Shawaa Bahaa, magaalaa Baatuu cinaatti kan argamu haroon Dambal Ayyaana Kataraa fi cuuphaa haala adda ta’een keessummeessa. Ayyaanni Haroorratti sirna addaan kabajamu kun seenaa dheeraa ka qabu ta’uu Diyaaqoon Zennebee Waaqoo, hoogganaan Kutaa Lallaba Wangeelaa manneen amantaa Odollan Sadeen Dambal irratti argamanii dubbatanii jiran.
Kabaja ayyaana kanaatiif namootni hedduun yabalaan odoola Dambal tokkorraa gara kaanitti kan imalan yoo tahu, kunis sirna gannoota dheeraaf gaggeeffamaa ture fi seenaan taatee kanaa, kan hordoftoota amantichaa fi daawwattoota biyya hambaallee hawataa jiru tahuu dubbatu – geggeessitoonni amantaa fi jiraattonni naannichaa. Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Magaalaa Baatuu, sirni Ayyaana cuuphaa Dambal irratti gaggeeffamu beekamni isaa dabalaa jira, jedha. Galmoo Daawit bakka sanatti imaluun qophii qindeesse qaba.
Forum