Xurree ittiin seenan

Ajaji HOogganaa ol'aanaa Kan POrezidaant Tiraamp Dhimma Saalaa Ilaalchisee Kennan Afriikaa Keessatti Yaadawwan Walmakaa Kaasee Jira
Breaking News

Naannoo Afriikaatii kanneen safuutti cichan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp ajaja sadarkaa ol aanaa kan dhimma saalaa ilaalchisee dabarsan gammachuun yoo simatan, kanneen mirga namoota jaalalleewwan saala wal fakkaatuu kanneen aardittii keessaa immoo yaaddoo cimaa qaban ibsaniiru jedha gabaasi Timootii Obiyeeuu Abujaa irraa erge.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp guyyaa jalqabaa prezidaantii Yunaayitid Isteetis 47ffaa ta’jan irratti ajaja sadarkaa ol aanaa hedduu kan prezidaanti Joo Baayiden dabarsan haquu dabalatee hedduu mallatteessaniiru.

Kanneen keessaa namoota saala jijjiirrataniif kunuunsa ta’u haquu fi saalli namaa dhiiraa fi durba kan jedhutu keessatti argama.

Tarkaanfii Tiraamp kana irratti naannoo Afriikaa keessaa yaada wal makaatu dhiyaate . Kaan akka Biishoop Joon Prees Daani’eel itti aanaa waldaa Peenxeqoosxee Naayjeeriyaa tarkaanficha simataniiru.

Doonaald Tiraamp waan sirrii hojjetan jedhan. Dargaggeessi tokko ka’ee ani durba ta’uun barbaada, ykn dhiia ta’uun barbaada jedheef saall isaa ennaa jijjiiramu jechuu dhaan, burjaajiin sun nu hin barbaachisu. Qajeelummaa, sirnii sammuu hawaasaaf haa deebi’u jedhan.

Kanneen jaalaleewwan saala wal fakkaatuuf falman immoo tarkaanfiin Tiraamp kun Afriikaa fi bakka biro kanneen jiran hawaas akkasii irra dhiibbaa kaa’a jechuu dhaan kanneen akkasii biyyoota Afriikaa hedduu keessatti duruu adabi cimaan irratti raawwataa jira jedhan.

Naayijeeriaa keessaa hariiroo saala wal fakkaatu kanneen qaban hanga hidhaa wagga 14n adabamu. Heerri Ugaandaa immoo kanneen akkasii hidhaa umurii guutuun adaba, Maalii keessaas yakkaan kan himataman yoo ta’u baatii Muddee keessa hidhaa dhaan adabamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG