Ripaabliika Deemookraatawaa Kongoo Bahaa keessatti hokkara hammaataa deemuu isaan bara kana namoonni kuma 400 ol manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Tokkummaan Mootummootaa har’a beeksisee jira.
Hidhattoota M - 23 kan Ruwaandaan deeggaraman humnoota waraanaa Koongoo waliin wal waraanaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa guddoo kutaa Kiivuu Kaabaa - Gomaatti marsanii to’annaa isaanii cimee jira.
Dhaabnii baqattoota kan Tokkummaa mootummoota ykn (UNHCR) akka jedhetti, nagaa fi nageenyii lammiilee nagaa ykn sivilootaa akkasumas namoota achuuma biyya ofii keessaa buqqa’anii jiran kan Ripaabliika Deemookraatawaa Kongoo Bahaa keessaa ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qabu ibseera.
“Lakkoofsi buqqa’iinsaa uummataa kun, bara kana qofa namoota kuma 400 ol ta’eera. kunis lakkoofsa torban darbe qofa gabaafame irraa dachaa lama jechuun ni danda’ama,” jechuun Maatiw Sooltmaarsh UNHCR irraa ibsa miidiyaaleef Jenevaatti kennaniin dubbataniiru.
"Qaamni hundi eegumsa lammiilee nagaaf dursa akka kennan, kan gaafate UNHCR iddoowwan siviloonni ykn namoonni nagaan buqqa'an jiran akka kabajan akkasumas naannoo siiviloonni hedduminaa jiranti keessatti dhoo'aa fi meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamuu irraa akka of qusatan gaafanna jedhan.
"Nageenyi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti hidda gadi fageeffachuun faayidaa ummata biyyattiif akkasumas naannichaaf murteessaa kan yeroo dheeraaf dura ta’uun irra turedha" jedhu.
Namoonni mana isaanii gadhiisanii baqataniif Filannoowwan qaban ''cimaa fi garmalee daangeffamaadha'' jedhan saaltmaarsh.
Haalli Ripaabliika Deemookraatawaa Kongoo Bahaa keessa jiru ''rakkoo baayyee dagatame'' ta'uu dubbatanii, yeroo ammaa kana iyyannoon UNHCR biyya sanaaf dhiyeeffate keessaa dhibbeentaa 10 qofa arjoomtoota biraa gargaarsa maallaqaan argate.
Forum