Abbaan Gadaa Booranaa torbaatamii tokkeessoo Kuraa Jaarsoo, alangee Gadaa isaanii dabarsuuf, torbanootatu hafa. Gannoota saddeettan darban Abbaa Gadaa ta’uun ka tajaajilaa turan Kura Jaarsoo gadaan isaa Fullaasa. Gadaa isaanii keessatti rakkoon hedduun ka mudate ta’us milkoominnis argamee jira, jedhan. Weerara Hawaannisaa, dhibee Vaayirasii Koronaa, hoongee Booranaa fi rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa rakkooeel bara ardaa Gadaa isaanii mudatan ta’uu dubbatan, Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo. Gama biraan Gadaa kiyya bara gaaffiin Oromoo hedduun itti deebii argatellee jedhan. Galmoo Daawit haasofsiiseera.
Forum