Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koongoo Bahaa Keessa Hookkarri Jiru Daran Hammaacuuun  Ibsame


FAAYILII- Miseensonni garee finciltoota M23 ganga Goomaa Keshroo keessa ennaa adeemaa jiran Amajjii 27, 2025.
FAAYILII- Miseensonni garee finciltoota M23 ganga Goomaa Keshroo keessa ennaa adeemaa jiran Amajjii 27, 2025.

Riphxeelooltonni Ruwaandaan deeggaraman gara magaalaa guddittii Koongoo Bahaa Gomaatti erga hiriira guyyaa tokko booda, Reeffi namootaa daandii magaalatti irratti faca’ee kan ture ta’u fi hospitaalonni dhukkubsattoota madaa qawwee fi dhukaatootaan miidhamaniin kan guutaman ta’u,Tokkummaan Mootummootaa fi dhaabbileen gargaarsaa biroo Kibxata har’a ibsaniiru.

Riphxeelooltonni M-23 jedhaman kun Wiixata kaleessaa Gomaa seenuun waldhabdee waggoota kurna sadiif ture daran hammeessan. Darbee darbee waraana biyyattii fi deggertoota waraa kana biraa dura dhaabannaan isaan mudatee itti fufee ture.

Mariin muddamsa Roobii borii gaggeeffamuuf karoorfamee ture kan jedhan preezdaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo, preezdaantiin Koongoo Feeliks Tshisekedii fi preezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen irratti hirmaachuuf akka jiran himaniiru.Ruutoon waldhabdee kanaaf furmaanni waraanaa hin jiru jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa kan Amerikaa Maarkoo Ruubiyoon “haleellaa gareen M23 jedhamu kan Ruwaandaan deeggaramuun Gooma irratti raawwatame balaaleffachuu fi kabaja Ameerikaan abbaa biyyummaa Riipaablikii Deemookraatawaa Kongoof akka qabdu,” haasaa bilbila wiixata kaleessaa Tshisekedi waliin taasisaniin mirkaneessaniiru jechuun ministriin dantaa alaa Yunaaytid isteetis ibsee jira.

Qondaalli gameessi Tokkummaa Mootummootaa Wiixata kaleessa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa akka jedhanitti,Riphxee Looltoonni to’annaa jala oolchuu isaanii himanis,wal waraansii garee M23 fi waraana Koongoo gidduutti Gomaatti geggeeffamaa jiru “ammallee hin xumuramne” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG