Prezidaant Pool Kaagaameen Ruwaandaan walitti bu’iinsi yoo ka’eef qophee turte jechuu dhaan Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo gama bahaa magaalaa guddoo Gomaa Kamisa har’aa erga qabatanii booda, ripxe loltoota M23 jedhamaniif deggersa kenna qeeqa jedhu fudhatama dhabsiisan. Gareen finciltoota M23, deggersa loltoota Ruwaandaan torban kana gara Gomaatti kan socho’an yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa guddoo kutaa Kiivuu Bukaavuutti ademaa jiran. Erga bara 2012 qabee walitti bu’iinsa jirutti aansee muddama guddaa keessa jiru.
Ruwaandaan Koongoo gama bahaa keessatti tarkaanfii fudhatteef sadarkaa addunyaatti mormiin ishee mudatee jira. Fixiinsa sanyii Ruwaandaa booda waggoota 30n darbaniif kallattiinis ta’e karaa milishoota michuu ishee ta’anii jidduu seentee jirti.
Biyyooni hedduun Ruwaandaa qeeqaniiru. Jarmaniin marii gargaarsaaf gootu haqxee jirti, Biriteen immoo gargaarsa doolaara miliyoona $40 adda kutuuf doorsisaa jirti. Garuu haalli Ruwaandaa keessaa jijjiirame hin jiru.
Maddi hawaasa siivilii Bukaavuu keessaa kan naannoo sana waliin quunnamtii qabu akka jedhetti Kamisa har’aa ganama naannoo Kahalalaa jedhamu keessatti walitti bu’iinsi itti fufee jira.
Waraanni Koongoo achitti mormii cimaa geggessaa waan jiru fakkaata," jedha maddi kun. Kaka'umsa dippilomaasii yeroo dhiyootiin, Ministirri Dhimma Alaa Faransaay Ziyaaan Noo’el Barrot /Jean-Noel/ Barrot Kamisa kaleessaa magaalaa guddoo Koongoo Kinshasa, Gomaa irraa gara dhihaatti km 1,600 ol fagaattee argamtu seenaniiru.
Pirezidaant Feeliks Tshisekedii waliin wal arguuf akka jiran preezdaantiin Koongoo beeksisaniiru.
Forum