Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hirmaattonni Yaa'ii Gamtaa Afrikaa Marsaa 38ffaa Magaala Finfinnee Seenuu Itti Fufanii Jiru


Hirmaattonni Yaa'ii Gamtaa Afrikaa Marsaa 38ffaa Finfinnee Seenuu Itti Fufanii Jiru
Hirmaattonni Yaa'ii Gamtaa Afrikaa Marsaa 38ffaa Finfinnee Seenuu Itti Fufanii Jiru

Yaa’ii gamtaa Afrikaa guyyaa borii Guraandhala 15 bara 2025 jalqabamee guyyoottan lamaaf taasifamu irratti kan hirmaatan hoggantoonni biyoottan Afrikaafi bakka bu’oonni dhaabile idilee adduunyaa gara garaa magalaa Finfinnee yemmuu seenaa jiranutti bakka bu’oonni mootummaa Ityoophiyaa buufata xiyyaaraa Booleetti argamuudhaan simannaa taasisaafii jiru.

Yaa’iin bara kanaa, “ Haqa Beenyaa Afrikaanotaa fi Uummata Hidda Dhaloota Afrikaa Qabanuuf” dhaadannoo jedhu jalatti kan taasifamu yemmuu ta’u , akkumaa yaa’iwwan dhaabbatichaa Kanaan duraa, inni baranaas waliti bu’insii ardichaa keessatti bakka adda addaatti adeemaa jiru ijoo marii issa akka ta’u gabaasamaa jira.

Biyyaa Rippaabilikii Demokraatawaa koongoo keessatti tarkaanfiin garee hidhatootaa M23 jedhamuu fulduratti fudhachaa jiru, walwaraanis ji’a Ebilaa bara 2023 Sudaan keessatti jalqabamee namoottan miiliyoonii 12 ta’an jireenya isaanii irraa buqisee ajandaawwan marii yaa’ii gamtaa Afrikaa keessaa ijoowwan akka ta’an ni eegama.

Karaa biraatiin hoggantoonni Komishiinii gamtaa Afrikaa yaa’ii kana irratti kan filataman yemmuu ta’uu, filannoon kunis dura taa’aa fi itti aanaa dura taa’aa komishiinichaa akkasumas komishineerotaa Jaha kan of keessaa qabuudhaa.

Dura taa’aa komishineerichaa kan turan Muusaa Faakii Mohaamat yeroo hojii isaanii waan xumuraniif nammi bakka isaanii bu’u ni filatama.

Kanaan duraa kanneen komishiinichaa hogganaa turan lixa, walakeesaa fi kibbaa Afrikaa keessaa kan turan waan ta’eef, darabeen alaanaa kan gaanfaa Afrikaa akka ta’es ibsamee jira.

Kaadhimamtoonni gaanfaa Afrikaa bakka bu’an waliin dorgomaa kan turan yemmuu ta’u, bu’iin isaas yaa’ii hoggantootaa irratti akka ifa taasifamu eerameera. Itti anaa komishiniichaa nammi ta’u immoo Kaaba Afrikaa irraa akka ta’u beekameera.

Komishineeronnii Jahaan walgahii ministeroota dhimma alaa kaleessa raawwateen filannoon isaanii xumuramuu isaa Iskindir Fireewu Finfinne irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG