Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Biyyoottan Afriikaa Miidhaa Yeroo ‘Gita Bittaa’ Irragahe jedhameef Beenyaa Gaafataa Jiran’


‘Biyyoottan Afriikaa Miidhaa Yeroo ‘Gita Bittaa’ Irragahe jedhameef Beenyaa Gaafataa Jiran’
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:18 0:00

Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 38ffaan Finfinneetti harra jalqabee jira. Maree kanarratti biyyoottan Afriikaa, miidhaa bara gita bittaa nurra gahe jedhaniif, haqaa fi beenyaa gaafatanii jiran.

Gamtaan Afriikaa yaa’iisaa idilee 38ffaa bara 2025 harra Finfinneetti jalqabee jira. Wal gahichi bara 2025, bara Beenyaa jechaan waamee, dhalattoonni Afriikaa baroota keessatti miidhaa irra gahe jedheef haqa beenyaa sirrii argatuu qaban yaada jedhurratti xiyyeefatee mariitti jira. Jalqaba Walgahii kanaarratti kan haasawaa taasisan Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Ali, gaafiin beenyaa kun gaafii haqaati jechaan dubbatan.

"Badii bara gita bittaa aansuun nurra gahaa tureef beenyaan gaafatamu kun waayee tumsa gargaarsa namoomaa gaafatuu miti, kun waamicha haqaaf taasifamedha. Gaaffiin kun caba ummata keenyaa fayyisuuf, madaa hiyyummaa, dhabiinsa wal qixxummaan nurra gahe dandamachiisuuf ka yaadame," Jedhan Abiy.

Muummeen Ministiraa Abiy, kanaan milkaawuudhaaf, Afriikaanonni daangaa bara kolonii sararamee fi garaagarummaa qabnu gamatti dhiifnee waliin hojjechuu qabna jechaanis dubbatanii jiran.

Barreessaan Gamtichaa bara 2025 gaggeessummaa isaanii gadi dhiisan Muusaa Faakiis, marsaa lammataa Gamticha gaggeessuun ulfinaa jedhanii, garuu, bara gaggeessa isaanii, weerarri dhibee Kooronaa, walitti bu’iinsi Afriikaa keessatti baballachuu fi waraanni Raashiyaa Yuukreen taatee dhiibbaa guddoo Afriikaarratti fide jechaan himan.

"Kabajamtoo koomishiner, seerri fi haalli siyaasa waloo addunyaa bulchaa ture amma hojiin ala ta’aa dhufaa jira. Sababnisaa dhugaa addunyaa amma lafa jiruun waan wal hin madaalleef hojiin ala ta’anii jiran. Kanaaf sirni addunyaa haarawi as nutti adeemaa jira, kana keessatti Afriikaan callisee taa’uu hin qabu," jedhan Faakiin.

Itti Aantuun koomishinerii Gamtaa Afriikaa Moonik Insaanzabagaanwaa, waggoota darban kana lammileen Afriikaa fi dhalattoonni Afriikaa addunyaa bakka gara garaa jiraatan, waan takka gaafataa turan jedhan, innis haqa.

Kana malees wal gahii baranaarratti, prezdentiin Baarbadoos Damee Saandiraas affeerraan kan irratti hirmaatan yoo ta’an, dhiibbaa Afriikaa fi dhalaattoota hidda Afriikaarra akka addunyaatti jira jedhan injifachuuf tokkoomuun mishaa jedhan.
Barreessaan Jaarmayaa mootummootaa Antooniyoo Guuteeres, yaadni beenyaa ammas dhugaatti raawwatamuu male jechaan ibsan..

Guteereesh, walitti bu’iinsi naannoo Saheel, kan Koongoo keessatti dhiyeenya jalqabe akka furmaata argatuuf gaggeessitoonni afriikaa xiyyeeffannoo godhuu qabuu jedhanii, ji’a soomana Raamadaanaa dhufaa jiru kanattis wal waraansi Sudaan keessaa akka dhaabatus waamicha dhiyeessanii jiran.

Gaggeessummaa Gamtaa Afriikaas, Angoolaan Maawuritaaniyaarraa kan fudhatte yoo tahu, galgala kanas dorgommii gaggeessummaa Koomishinii Gamtaa Afriikaa gaggeeffameen, Ministeerri Haajaa Alaa Jabuutii Mohaammed Ali, dorgomtoota isaan faana dhiyaatan Muummee Ministiraa Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa fi Ministira Haajaa Alaa Madaagaskaar Richaardi Randriyaamaandiraatoo injifachuun Koomishinerii Gamtaa Afriikaa ta’anii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG