Mootummaan Itiyoophiyaa qamadiin of danda'uu ta'uu isaa kan ibse yoo ta'u, waggoota dhiyoo asitti oomishni biyya keessaa baay'ee dabaluu isaatiin biyyattiin kana booda qamadii biyya alaatii galfamu irratti hin hirkattu jedha.
Itiyoophiyaan sababa oomishni qamadii dabaluu isaatiin barbaachisummaan biyya alaatii galchuu “dhabameera” jetti.
Akka ibsi waajjira muummicha ministeeraa Abiy Ahimad irraa bahetti, Itoophiyaan fedhii biyya keessaa guutuuf jecha waggaatti gara doolaara Biiliyoona tokkotti dhiyaatu qamadii biyya alaatii galfachaa turte.
Ibsichi akka jedhutti bara 2022/23tti Itiyoophiyaan qamadii toonii miiliyoona 15.1 kan oomishte yoo ta’u, lakkoofsi kun waggaa itti aanutti gara toonii miiliyoona 23tti ol guddateera.
QamadiiN of -danda'uun qamadii biyya alaatii galfamu ni dhaabata jechuu akka hin taane ibsii ba’e akeekkachiisa. Mootummaan akka jedhutti dhaabbileen gargaarsa namoomaa biyyattii keessatti socho’an ammallee gabaa biyya keessaa irraa bitachuu irra qamadii biyya alaatii galchuu filachuu danda’u.
Forum