Xurree ittiin seenan

 
Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame 
Breaking News

Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame 


Naannoo Amaaraa
Naannoo Amaaraa

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti ji’oottan Jahan darban keesaa abbootiin seeraa 89 hojii isaanii akka gadi lakisan prezidaantiin mana manni murtii olaanaan naanichaa beeksisanii jira.

Bulchiinsaa naannoo Amaara keessatti tibbana kanaa yaa’ii bakka bu’ootaa Ummatta taasifame irratti gabaasa raawwii hojii nuusa wagga kan bara 2017 kan dhihessan prezidaantiin mana murtii olaanaa naannoo Amaara Obbo AlemAntee Agdeewu nageenyii naannichaa boora’uun isaa akka naannichii ogeeyota ga’uumsa qaban dhabu taasisa jiraachuu isaa yemmuu ibsan, sababa walti bu’isaatiin kan ka’e mannoottan murtii naanicha keessa jira 221 keessaa mannoottan murtii aanaawwan 28 akka tajaajila kennaa hin jirre ibsaniiru.

Sababa nageenyaatii kan ka’ee wagga kana keessaa hojii isaanii gad lakkisuu isaanii abootiin seeraa sadarkaa adda addaa irra jiraniifi nageenyaa isaanitiif jechaa maqqa isaanii himuu hin barbaanee VOA ti dubbataniiru.

Sababuma Kanaan manni maree bakka bu’ootaa naannoo Amaaara seeraa fooya’insa mana murtii naanichaafi, seeraa eegumsaa addaa abootii murtiif taasifamu qabu raggasisee jira.

Seerichii, abootii murtiif akka eegumsii taasifamu, dhimmaa walabumma abootii seeraa kabachiisuu,dhimmaa hojii abootii seeraa kessa seenuu kan dhabsisuu dhanda’u akka ta’e bakka bu’aan waldaa abbootii seeraa naannoo Amaara obbo Brihaanuu Asaasaa sagalee Amerikaatti himaniiru.

Seeraa haaraa ragaasifame kan ilaalchisuudhaan ibsa kan kenne komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa murticha akka simatee beeksiseera.

Komishinerri olaanaa komishiinii mirga namoomaa Ityoophiyaa obbo Birhaanuu Addello, “walabummaan abbootii seeraa sirna dimokiraatawaa ijaaruu fi kabajjii mirga namoomaaf bu'uura waan ta'eef, naannichaa keessatti olaantummaa seeraa fi eegumsa mirga namoomaa mirkaneessuuf mirga abbootii murtii bilisa ta'uun murteessaadha" jechuu isaanii Asteer Misgaanaawu gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG