Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Gojjam bahaa aanaa Goonchaa Siisoo Innasee ganda Innagash jedhamu magaalaa Haamuus Gabayaa jedhamu keessatti, Kamiisa dabree haleellaa Diroonii maneen daldalaa cina lafa gabaa jiran irratti gaggeeffameen namnii 16 ajjeefamuu maatiin warra du’ee fi kanneen ijaan argan ibsanii jiru.
Namoonni 11 ta’an immoo, madaa’uu isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru.
Kanneen ijaan argan kun akka jedhanti, kanneen ajjeefaman keessaa 7 kan ta’an magaalatti keessa kan jiru Bataskaana Gabreelitti awwaalamuu ibsanii, miidhamtoonni harka caalaan naanoo baadiyyaati Qorqorroo bitachuuf wal faana kan dhufan namoota nagaa ti jedhu.
Naannoon suna yeroo wagga lama guutuuf jedhuuf to’annaa Faannoo jala akka jiru madden ibsanii jiru.Bulchaan aanaa Goonchaa Siisoo Inabsee Obbo Yeneewaa Dammaqa haleellaan Diroonii gaggeefamuu jiraattonni naannooo Bilbilaan itti himuu isaanii ibsanii, haleellaan kun kan raawwatamee namoota nagaa irratti otoo in taanee kanneen Fiinxaaleeyyii jechuun waaman humna hidhatee irratti jedhan.
Haaleellaan kun kan gaggeeffame mana barnootaa humnii hidhatee mooraa godhachuun kan itti gargaaramuu irratti malee, suuqilee daldalaa irratti mitii jechuun ibsuu isaanii gabaafamee jira.
Forum