Addi bilisummaa Oromoo fi Kongireesiin Federaalawaa Oromoo ibsa waliin tibba kana baasaniin rakkoo siyaasaa fi nageenyaa Uummanni Oromoo keesatti argamuuf yaada furmaata ta’a jechuun, mootummaa ce’umsaa Oromiyaa hundeessuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru. Gama biraan, Waraanni bilisummaa Oromoo (WBO)n yaadicha mormuun ibsa baaseera. Dubbi-himaan Mootummaa Nannoo Oromiyaas yaadicha irratti ilaalcha gama isaanii kennanii jiru. Dhaabonni ka biroon ibsa paartiilee lameenii ilaalchisuun ibsa baasanis ni jiran.
Forum