Abbaan taayitaa dhaabolii hawaasa siivilii Itiyoopiyaa, dhaabolii mirgoota namaa ilaalchisee hojjetan afur irratti yeroo adda addaatti uggura kaa’e kaasuu isaa Kibxata kaleessaa ibsa baaseen beeksisee jira.
Kaayyoo hundeeffamtanii ala sochootaniittu, akkasumas wallaba miti kanneen jedhuu fi seera cabsitaniittu jechuu dhaan, gumii mirga namoomaa Itiyoopiyaa, waaltaa falmitoota mirgoota namooma Itiyoopiyaa, waaltaa mirgaa fi guddina dimokraasii fi kan ogeessota seeraa kan mirgoota namoomaa irratti baatilee dhaaf uggura kaa’ee ture kaleessaa jalqabee akeekkachiisa waliin kaasuu isaa ibsicha irratti tuqameera.
Kanneen uggurri kun irraa ka’e keessaa tokko kan ta’e dhaabbati angafa ta’e Gumiin mirga namoomaa Itiyoopiyaa baatilee lamaa oliif erga cufamee booda har’a hojiitti deebi’uu isaa beeksiseera.
Daarektarri olaanaa Gumii mirga namaa Itiyoopiyaa Tesfaayee Gammachuu yaada Sagalee Ameerikaaf kennaniin, Waajjira isaanii haadhoo dabalatee waajjiraaleen dhaabbatichaa hundi hojiitti deebi'aniiru jedhan.
Waggoota 33 dura Fulbaana bara 1984 kan hundeeffame Gumiin mirga namaa xalayaa Muddee 14 darbe barreesseen himannaa yeroo sanatti dhiyaate haaleera.
Erga uggurri kun kaa’amee as waajjira abbaa taayitaa waliin irra deddeebiin mariin taasifamaa akka ture daayreektarri Gumii mirga namaa obbo Tesfaayee Gammachuu, abbaan taayitaa sun qabxii ijoo inni kaase, “ibsawwan isin baastan hiika adda biraa qabaachuu kan danda’uu dha, yeroo dhaan kan ba’an miti’ kan jedhu ture jedhan. Akka amantii keenyaatti dhimmootii irratti adda addummaan ilaalchaa jiraachuu hubanne jechuun itti dabalanii dubbataniiru.
Forum