Warshaan Sukkaaraa Kaasem kan sababa kirkira lafaa naannoo Affaar , Awwaash Fantalleetti irra deddeebbin mudateen miidhaan irra dhaqqabe hojjetto isaa hojii irraa arii’uuf xalayaa akeekkechiisaa isa dhumaa baaseera.
Ji’a Fulbaanaa darbe irraa kaasee naannoo Affar, Awwaash Fantaalleetti Kirkira lafaa irra deddeebbiin ka’aa tureen warshaan Sukkaaraa Kasam kan mancaatiin irra ga’e hojjettoota isaa hojii dhaabsiisuuf xalayyaa akeekkachiisaa isa dhumaa isaan dhaqqabsiisuu waldaan hojjettoota warshichaa sagalee Ameerikaatti himaniiru. Dura taa’aan waldaa hojjeettota warshaa Kaseem Geetaahuun Arfechoo murtichi kan hin eegamne jedhee warshichi hojjettoota isaa hojii iraa gaggeessuu irra filannoowwan biroo ilaaluu qaba ture jedheera.
Xalayaan lakkoofsa xalayaa 03/114/1.1.8’ n Warshichi hojjettoota isaaf gaafa Guraandhala 11 bara 2017 barreesse suuraan sagalee Ameerikaa dhaqqabe akka ibsutti warsichi sababa kirkira lafaan mancaatii irra ga’een guutummaa guutuutti hojii dhaabuu isaa ibsuun hojjettoonni dhaabbii fi yeroo kan baay’inni isaanii 1177 maqaan isaanii tarreeffameeru gaafa Guraandhala 10 bara 2017 irraa kaasee meeshaalee hojiif isaaniitti kennameeru kamiiyyuu akka deebistan kan jedhudha. Hoogganaa warshichaa Alii Huseen irraa deebii argachuuf bilbila harkaa isaanii irratti bilbilluuf hin kaasan. kan xalayyichi mallattoo fi maqaa isaan ba’e hoogganaan humna namaa warshichaa Zinaabuu Birhaanuu dhimmicha irratti ibsa bal’aa kennuu irraa of qusataniiru.
Warshaalee Sukkaaraa Itiyoophiyaa keessa jiran kan hoogganu Itiyophiyaatti Korporeeshiniin Kilaastara Keemikaalaa Inveestimeent Hooldiingisitti daarikeeteera kan ta’an Asmaa Redii hojjettoota warshichaaf xalayaan hojiirraa gaggeessu kan kenname haaloonni dirqisiisoon waan uumamaniif jedhani Kanaan dura rakkooleen warshaalee Sukkaaraa biroo irratti uumamaniiranii fi kan amma Warshaa sukkaaraa Kasam mudate addadhas jedhaniiru Aadde Asimaan.
Hojjettooni warshichaa hojii isaanii akka gadhiisan itti himame sagalee Ameerikaatti akka himanitti yeroo gatiin jireenyaa qaala’ee jiru kanatti hojii dhaabnee maatii irratti hirkataa ta’uun ni ulfaata, kana malees kanneen maatii isaanii galii miindaa argatan Kanaan jiraachisanis rakkoof akka saaxilaman himaniiru.
Federeeshiniin waldaa hojjettoota qonnaa fi Industirii qaonnaa biyyaaleessaa komii waldaan hojjettoota sukkaaraa Kasam dhiyyeeffatan isa dhaqqabuu ibsee warra dhimmi isaa isaan ilaallatu waliinis dubbachaan jira jedheera.
Sababa Kirikira lafaa Affaar Fantaalleetti irra deddeebbiin mudateen naannoo Affar, Oromiyaa fi Amhaaraa kan bakkichatti dhihoo jiranirraa namoonni Kuma 80 qe’ee isaaniirraa buqqa’uu mootummaan Itiyoophiyaa ibsuun isa ani yaadatama jechuun Dessee irraa Mesfin Arraageetu gabaase.
Forum