Yaaliin lammilee Ityoophiyaa hojii barbaachaaf jechaa gara biyya Sa’udi Arabiyaa deemanii rakkina keessa seenan gara biyyatti deebisuu itti fufee, marsaa Afuraffadhaan kan deebifamaa jiran namoonni kuma tokko ta’an balalii marsaa Sadiin Roobii har’aa Bitootessa 12 bara 2025 Fifinnee seenuu isaanii ministeerri dhimma alaa mootumma Ityoophiyaa beeksisee jira.
Dubbi himaan ministeera dhiima alaa Obbo Nebiyaat Geetacheew sochii Lammiilee Ityoophiyaa biyya alati deebisuu ilaalchisee ibsa sagalee Amerkaatiif kennaniin, mootummaan lammilee biyyatti hojii barbaachaaf jecha bahanii biyyottan adda addaa keessatti rakkachaa jiran deebisuudhaaf yaalii gochaa jirus adeemsii isaa rakkisaa akka ta’e dubbataniiru.
Wagga darbee lammile biyyatti Sa’udi Areabiyaa keessatti rakkin keessa seenan biyyatti deebisuudhaaf yaalii taasifameen namoottan 1000 ta’an akka deebifaman ministeerri dhimma alaa Ityoophiyaa Ibseera.
Namoottan gara Sa’udii deemanii rakkina keessa seenan yemmuu gara biyyatti deebi’uuf gaafachaa jiranu kanatti ammas namoottan heduunn karaa seeraan alaatiin ittu gara Sa’uditti imalanuu galana irratti lubbuun isaanii darbaa jiraachuun isaa akka gabaasamaa jiru Kenedii Abaatee Finfinne irra gabaaseera.

Forum