Xurree ittiin seenan

 
Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  
Breaking News

Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  


Magaalaa Maqalee
Magaalaa Maqalee

Bulchiisi yeroo kan Tigraay har’a jechuun Bitootessa 3 bara 2017 ibsa barreeffamaa baaseen, hoogganni naga eegumsa naannoo sanaa garee yaada dhiphoo qabu tokkoof looganii ergama isaaniitiin ala sochii mootummaa fonqolchuu geggeessaa turan jechuun himatee jira.

Hoogganoonni raayyaa waraanaa Kaaba gama bahaa fi kibbaa hojii “seeraan alaa” ittiin jedhe geggeessaa jiru jechuun illee ibsee jira.

Akkuma kanaanis namoota nagaa irratti haleellaa raawwaachuu itti fufuu isaanii fi caasaa mootummaa gubbaa hanga godaatti diiguuf hojjetamaa jira jechuu dhaan ibsi sun yakkee jira. Ibsichi itti dabaluu dhaan gochi kun “garee boodatti hafaa” jechuun kan waame garee Doktor Derbrtsiyoon Gerbremikaa’eliif baabsuu dhaan kan raawwatame ta’uu isaaf walii galtee Piritooriyaa mul’inatti cabsuu dhaan uummata Tigraay deebisee gara dhumaattiit kan galchu jechuu dhaan ibsee jira.

Hogganni yeroo hidhamaa fi ukkaamsamanii butamaa jiru kan jedhe ibsichi, kana irra darbees miseensota hooggana yeroo qabanii qaama sadaffaatti kennuu irraa of hin qusanne jedhee jira. Qaama sadaffaa jechuun kan waame ibsichi mul’inatti hin ibsine.

Ibsi sun akka jedhetti bulchiisi Yeroo kan Tigraay,dargaggoota naannichaa fi uummataaf erga dabarseen, adeemsichi uummata Tigraay gara wal waraansaatti kan galchu waan ta’eef bifa qindaa’een ofii isaa haa eeguu jechuun gaafateera.

Humnoonni maqaa naga eegumsa mootummaa federaalaan socho’an, ergamtoota garee boodatti hafaa tokkootii malee uummata Tigraayiif bulchiisa yeroo bakka hin bu’an jechuu dhaan, kana hubachuu dhaan deggersa barbaachisu gochuu qaba jechuun buclhiisichi itti dabalee eeree jira.

Walii galteen Piritooriyaa bifa Kanaan ennaa cabuu fi uummati Tigraay gara dhuumiinsaatti deebisee ennaa seenu callisanii ilaaluun hin ta’u jedhee jira. Hawaasi addunyaas dhiibbaa gochuu qaba jechuun beeksiseera.

Oduu ka biro dhaan godinni naannoo sanaa kan kibba gam bahaa ibsa kaleessa baasen jiraattota magaalaa Addi Gudem irratti dhukaasa banameen namoonni afur akkaan yoo madaa’an hedduun immoo miidhaan xiqqoon irra ga’uun ibsameera.

Namoonni torba illee magaalattii keessaa ennaa butamanii fudhataman hoogganni aanaa Saamree lamas ukkaamsamanii butamu bulchiinsihi himatee jira.

Doktor. Debretsiooni G/Mikaa’eliin garee hoogganamuu fi mootummaa federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Guyyaa kaleessaa pirezidaantiin bulchiisa yeroo Geetaachoo Reddaa, itti gaafataaan waajjira nagaa fi nageenya naannoo Leetinaant Jeneraal Fisehaa Kidaanuu aangoo irraa kaasanii jiran. Dheengaddas ajajaawwan waraanaa sadarkaa ol aanaa sadii itti gaafatama irraa kaasuu isaanii fi kanas gareen ABUT kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’eliin deggeramuu fi waajjirri nagaa fi nageenya mormuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mulugetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG