Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Biyyoota G-7 Dhimma Yukireen Dabalee Mar'iachuuf Kanadaa Keessatti Mari'achuuf Jiru 


 Gareen Biyyoota G-7 Dhimma Yukireen Dabalee Mar'iachuuf Kanadaa Keessatti Mari'achuuf Jiru 
Gareen Biyyoota G-7 Dhimma Yukireen Dabalee Mar'iachuuf Kanadaa Keessatti Mari'achuuf Jiru 

Ministeeronni dhimma alaa industriin badhaadhan kan garee G7 guyyoota hedduu geggeessuuf Kubeek kanadaa keessatti wal arguuf jiru. Kunis wal ga’ii biyya waggoota sadiif weerara Raashiyaa dura dhaabbachuuf qabsaa’aa jirtu Yukireeniin deggeruu dabalata.

Mariin sun angawoonni biyyoota lamaanii Saaud Arabiyaa Jiddaa keessatti erga wal arganii booda Yunaayitid Isteetis odeeffannoo basaasaaf deggersa nageenyaa gochuu akka itti fufutu murteessuu ishee hordofee ti.

Marii sa’aatilee saddeetii booda, Yukireen Kibxata kaleessaa yaada Yunaayitid Isteetis dhiyeessite kan yeroof guyyoota 30f lola Raashiyaa waliin geggeessitu dhaabuu jedhuu fi kan Kremlin hin raggaasisin jiru simattee jirti.

Chaansileriin Jarmanii Olaaf Shoolz dhukaasa dhaabiinsa guyyoota 30 simatanii, Roobii har’aa fuula X kan ofii irratti akka barreessanitti, Yukireeniif nageenyaa haqa qabuuf tarkaanfii sirrii murteessaa dha.

Yukireenii fi Yunaayitid Isteets cina dhaabbannee Yaada Jedhaa keessatti dhiyaate ni simanna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG