Waajjirri Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Maqalee guyyoota 100 booda har’a garee ABUT kan Debiretsiyooniin hoogganamuun kantiibaa muudameeruun banamera.
Kantiibaan pirezidaantii yeroo Tigiraay Getaachoo Radaan muudamee ture immoo addmsa fonqolcha mootummaa kan ta’e gareen kun humnaan waajjira kantiibaa cabsee itti galeera jedhe. Guyyuma har’aa gareen ABUT kan Debiretsiyoon buufta raadiyoo FM maqalee 104.4 garee hidhataniin deeggaramuun to’achuu isaa hojjetaan buufata raadichaa sagalee Ameerikaatti himeera.
Forum