Komishinarri aanaa Beledweynee Oomaar Osmaan Alasoow oduu gabaastootaaf akka ibanitti qaamooleen hidhatan hoteela giidduu gala magaalittii keessa jiru osoo Jaarsooliin gosaa fi qondaaloonni nagaeenyaa wal ga’ii gaggeessaa jiranii itti marsuun haleellaa raawwatan Roobii kaleessaa tarkaanfii humni nageenyaa keenyaa fudhateen kanneen haleellicha raawwatan hidhattooni ja’a ajjeefamaniiru jedhan. Haleellaa hoteela jedhame kanarratti Kibxata dabarsine kana raawwateef Alshabaab anatu raawwate jedheera. Jaarsii gosaa fi qondaaloota nageenyaa kanneen hoteelicha keessa wal ga’iirra turan baraarsuuf humni nageenyaa gamtaa Afirikaa kan nagaa eegumsaaf Somaaliyaa keessa jiru humnoota nageenyaa keenyaa gargaaruun gara hooteelicha keessatti seenuun danda’ameera jedhaniiru Komishinarichi.
Haleellaa fi marfamuu turtii sa’aatiiwwan 18’f ture kana keessattis loltoonni keenya lama haleellaa qamoolee hidhatan Kanaan yommuu ajjeefaman Afur immoo marfamuu kana keessaa ba’uuhin dandeenyu jechuun ofii isaanii of ajjeesaniiru. Miseensota humna nageenyaa kanneenin alattis namoonninagaa torba jaarsoolii gosaa beebbekamoo lama dabalatee ajeefamaniirus jedhaniiru.
Magaalaan Beledweynee kan dangaa Itiyoophiyaa irratti argamtu Hirshabalee kan Itiyoophiyaa waliin wal daangessitu Moqaadishoo irraa fageenya Kiloometirii 300 irrratti argamti. Erga ibsi kun Beledweynee irraa kennameen Turtii sa’aatiiwwaniin booda Ejeensiin basaasaa biyyaaleessaa Somaaliyaa
Forum