Siriyaattii ergamaan addaa kan Tokkummaa Mootummootaa biyyattiin kufaatii mootummaa Baashiir Alaasaad baatii jsadii booda jeequmhokkara haaraa uumamee waliin wal’aansoo qabaa waan jirtuuf, hokkarri akka dhaabbatuu fi eegumsi lammiilee nagaaf akka ta’u gaafachaa jiran
Jilli addaa Geir Pedersen iyyannoo isaanii Jimaata har’a kan dhiyeessan yoo ta’u, kunis waggaa 14ffaa mormiin al-Asaad kan dimokiraasii deggeru kan waggoota kurnaa oliif waraana biyya keessaaf sababa ta’e itti jalqabeedha.
“Wanti akka iyyannoo haaromsaatti jalqabe gara jabummaa ajaa’ibsiisaa ta’een kan isa mudate yoo ta’u, kunis waldhabdee yeroo keenyaa keessaa isa gaddisiisaa ta’e tokkotti geesseera,” jedhan Pederson. ''Waldhabdeen kun gadi fageenya gara jabummaa dhala namaa isa dukkanaa'aa ta'e kan saaxilee ture jedhu.
Namoota jaallatan dhabuu isaaniitti gadduu itti fufaniiru, Haawaasni caccabee jira, miliyoonaan kan lakkaa’aman manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqifamaniiru, baay’een isaaniis namoota badan barbaaduu isaanii irratti cichanii jiru” jedhan
Tokkummaan Mootummootaa akka jedhutti waldhabdeen kun baqattoota biyyaa ba’an miliyoona 6 ol dabalatee namoota gara miliyoona 12 ta’an achuuma Siiriyaa keessatti Godaansiseera.
Asaad Muddee bara 2024 aangoo irraa ari’amanii turan. Garuu abdiin tasgabbiitti deebi’uu argamee ture, jeequmsa lubbuu namaa galaafatee Bitooteessa 6 naannoo qarqara galaanaa Siiriyaa keessatti jalqabeen humnoonni nageenyaa loltoota pirezidaantii duraaniif amanamoo ta’an waliin walitti bu’uun lammiilee nagaa hedduu dabalatee namoota dhibbaan lakkaa’aman du’aniiru.
Forum