Abbaan alangaa Itiyoophiyaa Dr. Fiqruu Maaruuu faa dabalatee himatamtoota 62 irratti himannaa dhiheessee geggeessaa ture ajaja mummicha ministiraa Abiyyi Ahimadiin kennameen addaan kutuu isaa beeksisee jira.
Mana-murtii Federaalaa, Dhaddacha 19ffaatti dhimmi isaanii ilaalamaa ka ture – himatamoota 38 keessaa 4 yakka nama ajjeesuun himatamanii akka of irraa ittisan murtaa’ee jira. Saddeet ka walaba gad-lakkisaman yoo tahu, kaan himannaa isaanii tu addaan cite.
Haala wal-fakkaatuun ka galmee Tewoodiroos Daani’eel faa irratti himataman namoonni 18 himannaan isaanii kan haqame tahuu abbaan-alangaa federaalaa beeksisee jiraa.
Gama kaaniin magaalaa Mattuu keessatti hidhamanii mana murtii duratti ituu hin dhiyaatiin guyyoota 56 ol kan turan dargaggonni 7 kaleessa gadhiifamuu jiraattonni ibsanii jiru.
Isaan waliin kan turan dargaggonni lama torban lama dura akkasumas Roobii darbee itti gaafatamaan waajiira polisii magaalaa Mattuu Komaandar Nagaraa Dhufeeraa gadhiifamuu gabaafnee turre.Dargaggonni 9 fi Komaandar Nagaraan waajiirri polisii himata tokko malee yeroo dheeraaf hidhee nu kaa’ee jechuun mana murtii olaanaa godinaatti himachuun isaanii ni yaadatama.
Jaallanneen abukaatoo seeraa Kan warra gubachuu mana hidhaa Qilinxoon himatamanii Obbo Wandimmuu ibsaa haasofsiistee jirti. Dhaggeeffadhaa.