Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbbootiin Amantaa Ortoodoksii Tigraay Rakkoo Hogganoota ABUT Gidduu Furuuf  Obbo Geetaachoo fi Dr. Dabra Tsiyoon Akka Wal Argaan Godhan


FAAYILII - Walgahii hoggansa yeroo naannoo Tigraay
FAAYILII - Walgahii hoggansa yeroo naannoo Tigraay

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti phaaphaasonni sinoodoosii hundeessan hogganoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti adda addummaa uumamee furuuf Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr. Dabra Tsiyoon Gabra Mikaa’el kallattiin akka wal argan gochuu isaanii har’a ibsanii jiru.

Adda addummaa uumamees dhiyeenyatti karaa nagaan furuuf waadaa nu seenanii jiru jechuun phaaphaasiin godiina Tigraau Kaaba dhiyaa Abuna pheexroos ibsanii jiru.

Dhimma kana ilaalchisee hogganoota gam lameenii irraa yaadii kennamee hin jiru.Prezidaantiin yeroo kan bulchiinsa naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Kibxata dabree midiyaa haawaasaa kan ofii irratti barreeffama maxxansaniin, hogganni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay walitti dhiyeenyaa akka hojjatan gochuuf dhalattota Tigraay yaalaa jiran galateeffatanii, walitti dhiyeenyaan hojjachu waan fakkaatu hin jiru jedhan.

Gama kaaniin, waliigalteen pritooriyaa kan dhukaasa dhaabuuf tolfamee waggaa lama lakkoobsiseejira. Kan ilaalchisee jiraattoota magaalaa Maqalee yaada isaanii ibsan keessaa tokko obbo Haayla Kidaanee akka jedhanti , adda addummaan hogganoota Hiwaat giddutti ta’e gara walitti bu’iinsaatti akka hin ceene yaaddoon qaba jedhu.

Dura ta’an paartii Aranaa Obbo Amdoom Gabra Sillaasee akka waliigaltee tolfameetti sagalee rasaasaa dhaga’amuu hafuun uummataaf boqonnaa kennuu isaa ibsanii waan hin gaggeeffamin jirutu jira jedhan Barattuu kan taatee Beeteeliheem Haaylaay gama isheen, sababaa wal waraansaan waggaa sadiif baruumsii addaan cite akka turee fi waliigaltee sana booda gara barumsaatti deebi’uu ishee ibsitee jirti.

Naannoo Itiyoophiyaa kanneen biro keessatti walitti bu’iinsii jiran karaa nagaa furamanii barattonni gara barumsaatti akka deebi’an gaafatee jirti Buqqaatoota qe’e isaanti deebisuu fi bulchiinsii Tigraay haala wal waraansa dura tureetti deebi’uuf akk hojjatuuf kanneen yaada isaanii kennan martii gaafachuu isaanii Muuluugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG