Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti abbootiin seeraa hidhamanii turan hundi gad lakkisamuu isaanii waldaan abbootii seeraa naannoo Amaaraa beeksisee jira.
Bakka bu’an waldichaa obbo Birhaanuu Asaasaa akka sagalee Amerikaatti himanitti, haala hin beekamneen abbootiin seeraa naannicha keesaatti ji’a Onkoloolessaa darbee kaasee hidhamaa turani.
Isaan keessa tokko kan ta’an godinaa Goojama Bahaatti aanaa Inabsee Saarmidir abbaa seeraan obbo Zelaalem Temechee ji’oottan Afuriif ittu mana murtiitti hin dhihaatin erga hidhamanii boodaa gad lakisamuu isaanii sagaee Amerikaatii himaniiru.
Dhimma kana irraatti sagaleen Amerikaa prezidaantii mana murtii waligalaa naannoo Amaaraa obbo Alemantee Agidewu irraa ibsa argachuuf yaaliin taasisee hin milikoofne.
Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa , fuulaa Fees buukii isaa irratti ibsa baaseen, naanoo Amaaraa keessatti mirgii abootti seerss sarbamaa turuu isaa ibsee, manni maree bakka bu’ootaa bulchiinsaa naannoo Amaaraa dhiheenyaa kan seeraa mirga Abbootii seeraaf eegumsa taasisu baasuun isaa tarkaanfii gaarii akka ta’e eerera.
Karaa biraatiin, Godina Goojjam kaabaa aanaa Gonjaa Qolelaa keessatti Guraandhala 5 bara 2017 akka lakoofsa Ityoophiyaatti garee hidhatootaa Faannoo jedhamuun butamanii kan turaan barsiisonni mana baruumsaa sadarkaa tokkofaa Koree gad lakkisamuu isaanii maatiiwwan barsisotaa fi barsiisonni gad lakisaman sagalee Amerikaati himanii jiru.
Barsiisonni qabamanii turaaniifi nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka dhahamuu hin barbaanne wareen isaan butanii turaan akka hojii barsisuu irratti hin hirmaane akeekkachisa kenuudhaan guyoottan Saddeet booda akka isaani gad lakisaan ibsuu isaanii Asteer Misgaanaawu gabbasteetti.
Forum