WAASHINGITAN, DIISII —
Kibxata torban dabee irraa jalqabee kan walga’ii isaa geggeessaa ture – manni-maree ADWUI Dr. Abiyyi Ahimed dura-ta’aa paartichaa akka tahan murteessuu isaa akkuma kaleessa dhageessan beeksisee jira.
Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa duraanii , Hayile-maariyaam Dessaalenyi taayitaa isaanii gad-lakkisuuf iyyata dhiheenya galfatan eega raggaasisee booda, Dr. Abiyyiin dura-teessummaatti filate – manni-maree ADWUI. Dhaabonni mormitootaa fi xinxaltoonni hoo waa’ee filatamuu Dr. Abiyyi maal jedhu? Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.