Xurree ittiin seenan

 
MM Abiyyi Wayita Moqaadishoo Ga’utti Dhuukasni Mortaraa Al-shaabaab Irraa Ta’uu Shakkamu Dhukaafamuu Jiraattoonni VOA tti Himan 
Breaking News

MM Abiyyi Wayita Moqaadishoo Ga’utti Dhuukasni Mortaraa Al-shaabaab Irraa Ta’uu Shakkamu Dhukaafamuu Jiraattoonni VOA tti Himan 


Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Kamisa har’aa Moqaadishootti imalan, Moqaadishoo, Soomaliyaa, Guraandhala 27, 2024.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Kamisa har’aa Moqaadishootti imalan, Moqaadishoo, Soomaliyaa, Guraandhala 27, 2024.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Kamisa har’aa Moqaadishootti imaluun daawwannaa taasiiseera. Wayita Somaaliyaa ga’uttis angawaoonni Somaaliyaa kan Pireezidaanti Hasan Sheeyik Mohaammeediin durfaman simannaa taasiisaniiruuf.

Abiyyi Moqaadishoo kan ga’e akka sa’aatii naannoo sanaatti ganama sa’aatii Afuriin dura yommuu ta’u yommuu inni buufata xiyyaaraa Mooqaadishoo ga’utti dhukaasni Moortaraa Alshabaab irraa ta’uu shakkamu kallattii buufata xiyyaaraa sanatti dhukaafamuu jiraattoonni nageenya isaniif sodaa qaban maqaan isaanii akka hin himamne jedhan Sagalee Ameerikatti himaniiru. Hojjataan buufata xayyaaraa tokko aka jedhetti, dhukaasni Moortaraa tokko garaajii buufata xiyyaaraa keessa bu’e. Miidhaa dhukaasa kanaan dhaqabe laalchisee waan gabaafame hin jiru.

Buufata xayyaaraa irraa simachuun gara masaraa mootummaa Somaliyaatti kan geessan pireezidaantiin Somaaliyaa Hasaan Sheeyiik yommuu ta’u , masaraa mootummaa Somaaliyaa keessatti marii erga taasiisaniin booda waloon ibsa kennaniin hooggantoonni biyyoota lamaanii “Wal ta’insa dippiloomaasii, diinagdee fi hawwaasummaa wal amantaa irratti hundaa’e cimsuu “ kan jedhu irratti cimasanii dubbachuu himaniiru. Akkasumas ibsa isaanii keessatti hooggantoonni humna waraanaa biyyoota lamaanii walii galtee gaarii irra ga’uu isaanii ifoomasaniiru.

Daawwannaan kun walii galtee Ankaraa gaafa Mudde 11 darbe taasiifame hordofee ji’a darbe haala wal fakkaatuun pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Finfinneetti daawwaannaa kan taasiisan yommuu ta’u biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii gidduu isaanii ture gara nagaattii fidaniiru.

Walii gatee biyyoonni lamaan torbaan darbe taasiisaniin Itiyoophiyaan ergama nagaa eegsiisuu kan Gamtaa Afirikaa isa haaraa Somaaliyaaf taasiifamuun loltoota 2500 akka bobbaastu erga beeksiisaniin boodadha.

Muummichi misitiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad daawwannaa Moqaadishootti taasiisaa ture xumuruun akka sa’aatii naannoo sanaatti waaree booda sa’aatii Saddet irratti gara Finfinneeetti deebi’eera. Abiyyi Ahimad Moqaadishoo deebi’ee kan daawwate waggaa lamaan boodadha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG