ADAAMAA —
Bulchinsa Naannoo Oromiyaa, magaalaa Adaamaa, kutaa magaala Booleetti walitti bu'insa uumameen namooni lama madaa’uun himamee jira.
Rakkoon kun ka mudate yeroo qaamni nageenya maneen seeran-ala ijaaraman, jedhe diiguf bakka sana deemetti yoo ta'u, bulchiinsi magaalattii, caasaalee bulchiinsa rakkoo kana keessaa harka qabu, jedhu to’annaa jala oolchuu isaa dubbata.