Akkuma aadaattuu maqaan lafaa, ka horiitii fi ka namaalleen akkuma warrii ykn abbaan baaseefitti taa’uu male.
Oromiyaa fulaa hedduu keessaa jabaa soodduu dhaabaa, maqaa badee deebisaa, ka dedhame qaabachiisaa maqaa lafaati fi ka karaa akkuma Oromoon duruu baafatetti jijjiiruutti jiran.
Mootummaan naannoo Oromiyaalleen Biiroo Aadaa fi Tuurizimii jalatti akka maqaan akkuma duruu abbaa baafatetti deebi’ee qajeeluu male jechuutti jira.
Obboo Gosaa Baalchaa itti aanaa itti gaafatamaa bulchiinsa magaalaa Adaamaati.
“Aadaa fi seenaa ummata Oromoo bakka maratti akka calaqqisuu fi akka mullatu hooggasni naannoo Oromiya yeroo adda aaddaa kallattii kaa’aa ture,” jedha.
Akkuma kanaan akka magaalaa Adaamaallee keessaa eennummaa fi aadaan Oromoo mullattu hojjachaa bahan jedha obboo Gosaan.
“Kanaaf maqaa gandaa lakkoofsaan waamamaa turan akkuma ganamaa Oromoon waamunitit akka waamamu taheera,” jedha.
Maqaa bade deebisu kana akka obboo Gosaan jedhutti Jiddu Gala Aadaa,Yuniversti Adaamaa damee Saayinsii fi Teknooloojii fi hayyoota Oromootti qorate.
Adaamaan ollaa 14 qabdi.Olloota kana lakkoofsa 01-14n yaamaa bahan.Lafa lakkoofsaan yaamuu mannaa maquma abbaan duruu baafateen yaamuu wayyaa jedhanii qoratanii irratti walii galan.
Akkuma kanaan ollaa durii ganda 01-jedhaniin Goorootti jijjiiran
02-Golba Migiraa
03-Gaara Luugoo
04-Dhaddacha Araaraa
05-Dagaagaa
06- Gurmuu
07-Badhaatuu
08-Odaa
09-Caffee
10—Biiqqaa
11-Barreechaa
12-Gadaa
13-Caffee
14- Anagaatuu
Karaa gugurdaa sagallan Adaamaa keessa jirullee akkuma Oromoon duruu baafateetti deebisan.
Karaa sagallan Adaamaa keessaa maqaa Oromootti deebisan
1.Siiqqee
2.Karrayyuu
3.Maammoo Mezemmir
4.Atileeti Waamii Birraatu
5.Alamaayyoo Atomaasaa
6.Dr.Alii Birraa
7.Elemoo Qilxluu
8.Adaamaa Buttaa
9.Daandii Abbaa Gadaa
Akkuma kanaan kutaa magaalaa Adaamaa jahallee maqaa Oromootti deebisan.
1.Kutaa magaalaa Abbaa Gadaa
2-Kutaa magaalaa Boolee
3.Kutaa magaalaa Danbalaa
4. Kutaa magaalaa Magalaa Daabee
5. Kutaa magaalaa Luugoo
6. Kutaa magaalaa Bokkuu
Maqaan kun biirolee mootummaa naannootii fi biirolee federaalaa keessatti maquma kanaan yaamnii jennaan;
“Jijjiiramii kun ulaagaa maqaa eeggatee kaabinee mana maree magaalaa fi Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaalleen waan mirkananaaheef garuma cufattu maqaa seeraan bahe taha,” jedha obboo Gosaan.