Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaa fi Yemen Keessaa Daa’imman Dhibee Koleeraan Kan Ka’e Qarqara Du’aa Jiru: UNICEF


Afriikaa fi Yemen Keessaa Daa’imman Dhibee Koleeraan Kan Ka’e Qarqara Du’aa Jiru: UNICEF
Afriikaa fi Yemen Keessaa Daa’imman Dhibee Koleeraan Kan Ka’e Qarqara Du’aa Jiru: UNICEF

Jaarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF Yemen, Somaaliyaa fi Sudaan kibbaa keessaa daa’imman afaan du’aa jiraachuu akeekkachiiseera. Biyyoota kana keessatti hanqina nyaata madaala’aan lakkoobsi daa’imman dararmanii guyyaa guyyaatti dabalaa adeemuu illee akeekkachiisee jira.

UNICEF biyyoota weerara Koleeraan dha’gaman keessaa daa’imman miliyoona 4.7 beelaan dararamaa jiraachuu ibsee jira jechuu dhaan dubbi himaan jarmiyichaa VOAf ibsaniiru.

Sudaan Kibbaa keessaa keessumaa ministeerri eegumsa fayyaa biyyattii daa’imman kuma 20 ta’an haqqisaa fi garaa kaasaa ariifachiisaan qaamuu isaanii fi hanga ammaatti 400 du’uu beeksisee jira.

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF biyyoota kana keessatti hojii gargaarsaa geggeessu saffisee lubbuu ijoollee oolchuuf eegumsa fayyaaf maallaqi itti dabalaa kan isa barbaachisu ta’uu beeksiseera.

XS
SM
MD
LG