Africa Free Trade Agreement (AfCFTA) maqaa daldalaa fi gabayaa Afrikaan bara 2018 Riwaandaa, Kigaaliitti baafatte.Biyyuma akka Naayjeeriyaa,Eeritaa faatti irraa hafe malee jalqabuuf fagoo hin jiran.
Yoo biyyitii cuftii irratti walii galte Afrikaan hujii tana doolara tirliyoona 2 fi biliyoona 300tiin jalaa argatti.
Yoo walii galanii mallatteessan biyyitii Afrikaa 55nuu akka fedhan wal keessaa yaa’a,akka fedhan mi’a wal irraa bitaa akkuma Waldaa Awurooppaa tahuu dandahan.
Akka ogeeyytii jedhanitti namii Afrikaa biliyoona 1 fi miliyoona 300 tahutti faaydaa keessaa argata.
Porofeeser Landry Signe dhaaba qorannoo Waashintgon, DC jiru Brookings Institution keesatti ogeessaa siyaasaati.Dhaaba Global Network for Africa’s Prosperity ykn ammoo caasaa guddina Afrikaa damee addunyaatti itti gaafatamaa.
"Afrikaan ammaan tana haga harka 18 qofa waliin daldalti alatti ergatti.Harka 58 Eezhiyaa waliin qabdi harka 67 Awurooppaa waliin daldalti.”
Afrikaan gabayaa waliin qbaachuuf biyyitii 22 mirkansuu maltee Itoophiyaan mallatteesstiee mirkansite Naayjeeriaan ammallee hin mallatteesine.
Pirezidaantiin isii Mouhammad Bohaarii filannoon duratti “Naayjeeriyaan biyya abbummaan erge mi’a fa’atee dhufee itti dhoobbu hin taatu,” jedhe Twitter ufii irratti barreesse.
Naayjeeiryaan haga guddaan Awurooppaa gama Bahaa,fi Eezhiyaa waliin gabayaa oowwifattee itti jirti.
Dr., Raymond Gilpin dhaaba Africa Center for Strategic Studies jedhee caasaa nagaa Afrikaa qoratu ka Waashington,DC jirutti itti gaafatmaaa baranootaatii ogeessa mala jireennaati.
Naayjeeriyaan gabayaan isiin Awurooppaa fa waliin oowwifatte nurraa kasaarti jettee sodaatti jedha.”Yoo mallatteessuu baattellee hin miidhamati,” jedhe.
Taatullee Naayjeeriyaan Afrikaa keessaa malii jireennaa toleef tun yoo akkana Afrikaan waliin galtu “waan ufumaa teettee laaltu hin sehu,” jedha Dr Raymond.
Afrikaan yoo gabayaa waliinii qabaatte gibiraa fi qaraxallee harka 90 irraa waliin buute Amerikaalleen faayidaa keessaa qabdi.Bennet Harman, waajjira pirezidaantii Amerikaatti itti aanaa itti gaafatmaaa dalda Amerikaa damee Afrikaati.
Akkana jedha “Amerikaan karaa Afrikaa waliin daldala naannoleen Afrikaalleen faaydaa keessaa qabdu deeggarti.”
Mohaammed Xaahiroo Amerikaa yuniversitii Daalasitti,porofeesera koollejjii Teksasiiti.
"Afrikaan waliin daldaluun waan hedduu faayaa keessaa qabdii sun keessaa tokko qarooma teknooloojituu keessaa argatti taatullee gabayaan biyytii cuftii walti naqattu seera qabaachuu malte,” jedha
Woma taateefuu Afrikaan qaraxaa fi gibira wal irraa diqqeessitee akka fedhan mi’a gara biyya fedhanitti fa’atanii waliin daldaluuf hujiitit jirti.Biyyuma sadeen tokkotti irraa ala jira.
Ardiin akka Awurooppaa, faatilleen gabayaa akkanaa kana qabdii Waldaan Awurooppaalleen tanatti deema.
Yoo seeraan hojajtaniin akka Dr.Raymond jedhetti “gabayaan Afrikaa miidhaa caalaa Afrikaafuu faaydaa guddaa qabdi.”