Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan kibbaa vaayireesii koronaa ufi irraa dhowwuuf geejjiba xuyyuura Amerikaa fi biyya hedduu ufitti dhufuu dhowwatte


Train commuters hold on to the side of an overcrowded passenger train in Soweto, South Africa, Monday, March 16, 2020.
Train commuters hold on to the side of an overcrowded passenger train in Soweto, South Africa, Monday, March 16, 2020.

Afrikaa keessaa biyya 28 keessatti vaayireessii kornaa argan.Biyyiti cuftii mala dhiba kanaan ufi irraa dhoortu dhawachuutti jirti.

Afrikaan Kibbaa dhiba kana torbaan dabre biyya isiitti agarte seera dhiba kanaan ufi irraa dhoortu jabaa baafatte.

Hajaja pirezidaantii isii Cyril Ramaphosatiin kalee asitti daarii biyyaa ollaatiin walti daanditu cufatte.

Akka namii 100 oli waliin hin teteenne walti hin bane seeratte.Roobii dhufuu jalqabee ammoo manneen barnootaallee cufaa in cufatte.

“Dhiba kana ufi irraa dhoowwuuf akka malee ariifannee muraa jabduu keeyyanne.Dhiba kana irraa dhowwanna,akka malii jireenna keenna dhiba kanaan hin miidhamne seera keeyyanne.Tanaaf seera baafannee labsanne. Seera kanaan dhiba kana ufi irraa dhoowwarraa.”

Afrikaan kibbaa geejjiba xuyyuuraa Biriteyin,Chaayinaa,Jermen,Iraan, Chaayinaa, Xaliyaana,Kooriyaa Kibbaa, Ispeen, fi USA ufitti seenuu dhoorte

Torbaan dabrellee Afrikaa Kibbaa nama biyya Chaayinaa godina Whuhaanii 114 ufi irraa galchite.Wuhaaniin tun lafa dhukkuba subn keessaa dhufe.

Jara kana torbaan sadii kophaatti baasanii dhiba kana irra barbaadanii womaa irratti hin agarre.Dirii Johaanisbarg gabayaan itti oowwuun beekan amma ona fakkaatti.

Otoobusuun hin jiruu taaksiin hin jiruu gabayaa maanti jiraa jedha namii warrii lafaa namii akka Feelip faati.

Namii koronaan kun hin yaaddessilleen hinuma jira.Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa biyya isaa ta qaraa namii hedduun hujii hin qamne tanaan rakkoo tanatti ciniinnadhaa jedhe.

Vaayireessii koronaa qomaa oli fayyaa nama dhowwu kun Muddee ganna dabre Chaayinaatti argan haga ammaatti nama kuma 170 tahutti dhiba kana fakkaatu irratti argan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG