Nama Turkitti ambaasaaddoara Raashiyaa itti dhukaasuun ajjeese ilaalchisee ibsa xumuraa kennuuf yeroon hin geenye jechuun Raashiyaan beeksistee jirti.
Kan boqonnaa hojii irra ture angawaan poolisii Ambasaddor andrel Karlovtti dhukaasuun kan ajjeese Wixata darbe ture.
Namni ijaan arge VOAf akka ibsetti namni itti dhukaase sun Aleppo hin dagatin, Syria hin dagatin dacheen keenya nagaa hin qabu taanaan atis nagaa hin taatu jechuun iyyaa ture jedhe.
Muummichi ministeeraa Turkii kaleessa ministeera dhimma alaa US John Kerryf bilblaan akka ibsanitti namni ajjeechaa sana raawwate hoogganaa amantii Musliimaa Fehullah gullen kan US keessa maadheffateef yaalii fonqolcha mootummaa baatii Adoolessaa Turkey keessatti raawwateetti hidhata qaba jedhan.
US Gulen sababaa US keessa jiraataniif ajjeechaa sana deggeran ykn keessaa harka qabu isa jedhu fudhatama dhabsiiste.