Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Dabalataan Talaalii Miliyoona 500 Gumaachite


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin torban dabree gama marsariitiin walgahii waa’ee weerara dhukkuba KOOVIID-19 dubbatu kan sadarkaa addunyaa gaggeessanii jiru.

Kunis kora waggaa kan Tokkummaa mootummootaan cinattti kan gaggeeffamee ture.Walgahii sadarkaaaddunyaa waa'ee KOOVIID-19 irratti yeroo duraaf masaraa Waayit Haawus irra Baaydin gaggeeessan kana irrtti Amerikaan dabalataan talaalii Miliyoona dhibba shan akka gumaachiitu dubbatan.

Gara fuula duraatti addunyaan weerarri dhukkubaa ituu hin ka'iin dursee qophaa'uu qaba kan jedhan Baaydiin maallaqa kanaaf oluu ammumaa kaafnee baankii keessatti walitti qabuu jalqabuu qabna jechuun hogganoota addunyaaf yaada dhiyeessa.

Gabaasa Paatsii Widaakuswaara Waayit Haawuus irraa ergitee caqasaa.

Amerikaan Dabalataan Talaalii Miliyoona 500 Gumaachite
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:11 0:00


XS
SM
MD
LG