Xurree ittiin seenan

Breaking News

AMISOM Waraana Mootummaa Somaliyaa waliin wiirtuu ummate


Faayilii - Miseensa garee nagaha eegumsaa AMISOM, Somaaliyaa, Guraandhala, 28, 2019.
Faayilii - Miseensa garee nagaha eegumsaa AMISOM, Somaaliyaa, Guraandhala, 28, 2019.

Gareen naga eegidotaa gamtaa Afrikaa inni Somaliyaatii argamu kan AMISOM jedhamee beekamu waraanaa biyyaalesaa Somaliyaa wajjin qindoominaa Umuudhaan garee hidhattootaa Al shabaa jedahmuu irratti duulaa banuuf qophaa’uu isaa beekisiseera.

Wiirtuun waloo kun kan uumame filannoo biiyyatti keessatti geggeefamu gufachiisuudhaaf Al shabaab qophii gochaa yemmuu jiru ti ta’u isaa gabaasaan VOA Mohamed Kahiye Moqaadishoo irraa gabaaseera.

Sirna wiirtuu waloo hundeessuu kana irrattii karaa waraana mootummaa Somaliyaatiin Jeeneraal Odowaa Yusuf Rageh , karaa AMISOMn immoo Meejer Jeneraal Wiliyaam Kitsao Shume argamaniiru.

Yeroo ammaa naga eegdonii gamtaa Afrikaa 20,000 ol akka somaaliyaa keessa jiran ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG