Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Godina Walaayittaa To’annaa Jala Oolan


Hiriira godinni Walaayitaa akka naannoo ta'u gaafachuuf geggeeffame
Hiriira godinni Walaayitaa akka naannoo ta'u gaafachuuf geggeeffame

Mootummaan naannoo uummattoota kibbaa ABO fi IEWHT waliin ta’uu dhaan biyya diiguf hojjetaa jiru kan ittiin jedhe hooggana godia Walaayitaa dabalatee namoot 26 to’annaa jala oolchuu isaa beeksise.

Kanatti aansuu dhaan magaalaa guddoo godina Sanaa Sooddoo fi Bodiittii keessatti walitti bu’iinsa dargaggootaa fi humnootii nagaa eegsisan gidduutti uumameen namoonni 10 ajjeefamuu isaanii kanneen ijaan argan VOAf ibsaniiru.

Jiraattonni magaalattii magaalattiin raayyaa ittisa biyyaan to’atamuu ibsanii daandiiwwan Walaayittaa Sooddoo naannolee ka biroo 7 waliin wal agarsiisanii fi daandiiwwan gurguddoo dabalatee kaleessa galgalaaa qabee cufaa dha jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenya naannoo obbo Alamaayyoo Baawudii humnootii nagaa eegisasn irratti kanneen tarkaanfii humnaa fudhachuu yaalan dargaggoonni sadii rasaasa dhukaafameen du’uu isaanii VOAf ibsaniiru

Gaaffii uummataa ukkaamsuuf yaalii godhamuu dha jechuun himannaan mootummaa irratti dhiyaatuufis fedhii uummataa maqsanii godinaa sana jeequu fi nageenya booressuu qaamotii barbaadan shira isaanii fashaleessuuf tarkaanfii fudhatame jedhan jechuun Yoonaattaan Zebdiwoos Hawaasa irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG