Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoota Raashaa fi Yukreen Gidduutti Mariin Gaggeeffamu Itti Fufee Jira 


Angawoota Raashaa fi Yukreen Gidduutti Mariin Gaggeeffamu Itti Fufee Jira 
Angawoota Raashaa fi Yukreen Gidduutti Mariin Gaggeeffamu Itti Fufee Jira 

Angawoonni Raashaa fi Yukreen duula waraanaa torban sadii booda dhukaasa dhaabiinsa tolfachuuf hojjataa akka jiran ibsanii jiru.Hayyonni akka jedhanti Raashaan dula waraanaa kana akka saganteeffatte turte ta’u dhisee yeroon isaa dheerataa waan deemeef waan gaafataa turte jijjiraa jirti.

Ministriin dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan Raashaan gama diploomaasiin rakkoo kana furuuf fedhii akka qabdu waan agarsisuu hin jiru jedhan.

Harka tokkoon Yukreen daqiiqaa daqiiqaan haleellaa guddaa jala ituu jirtuu mariif taa’uu isheef ni galateeffanna. Harka biraan Raashaan duulawaraanaa gaggeessaa jiru gama diploomaasiin xumuratti fiduuf yaalii qabatamaa taasiifte hin agarre.

Prezidaantiin Yukreen Volaadmiir Zelenskii marii gaggeeffamu irratti dhimmi ilaalcha duraa argachuu qabu ittiin jedhan vidiyoo kamiisa dabree maxxanfame irratti ibsanii jiru.

Kunis mariin gaggeeffamaa jiru keessatti dhimmi ilaalacha duraa argachuu qabu jedhu ifa dha.Kunis Duula waraanaa xumuruu, wabii nageenyaa argachuu, abbaa biyyummaa yukreenii fi daangaan ishee eegamu qaba.

Zelenskiin akka jedhanti,ammaan dura Siriyaa fi Chachiniyaa keessatti duula waraanaa gaggeeffameen Raashaan kufaatii guddaatu ishee mudatee.Braa tokkummaa sooviyat enna turtees, duula Afaagaanistaan irratti gaggeeffamenis akkasuma jedhan.

Hayyonni RSA akka ibsanti Putiin dura dhaabnnaa jabaa Yukreen biraa isa mudatee ajaaibsifamuu mala. Raashaan magaala galma mootummaa Yukreen Kiyeev seenuu dadhabuunis marii gaggeeffamu irratti ejjennaa qabdu jijjirsisuu mala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG