Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Biliinken Prezidantii Masrii Waliin Kaayiroo Keessatti Wal Arguun Mari’atan


Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliken hogganaa Masrii wajjin mari'atan, El-Amiin, Hagayya 20, 2024.
Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliken hogganaa Masrii wajjin mari'atan, El-Amiin, Hagayya 20, 2024.

Lola garee Palastaayin Hamaasii fi mootummaa Israa’el gidduutti Gaazaa keessatti taasifamaa jiru, waligaltee dhukaasa dhaabuutiin qabaneesuuf yaalii taasifamaa jiru mirkaneesuuf gara kutaa walakeesaa bahaatti imalani kan jiraan ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliken, Qbxata har’aa Prezidaantii Biyyaa Masr Abdelfatah al Sisii wajjin magaala Kaayiroo keessatti wal arganii dubachuu isaanii waajjirri prezidaantii mootummaa Masr beeksisee jira.

Marii kanaan walqabatee , lolii gaazaa keessatti taasifamaa jiru yoo bakkaawaan biraatti babbalachaa deemee balaa too’annaadhaaf rakkisaa ta’e uumuu akka danda’u kan ibsaan prezidaantiin Masr, walgalteen dhukaasaa dhaabuu mootuumaa palastaayinif beekumtii kenuudhaan, fala bulchiinsaa mootummaa lamaa fudhachuu irraa jalqabuu akka qabuu ibsuun isaanii beekameera.

Al Siisiin itti dabaluudhaanis kutaa walakeesaa bahaa keessatti nageenyaa waarr qabeessa ta’e argamsiisuudhaaf falli abdachiisaa ta’e mootummaa Paalastaayiniif beekumtii kennuu akka ta’e eeruu isaanii ibsii masaraa mootummaa Masr irraa ba’e eereera.

Mariin dhukaasa dhaabuutiif siviilota Hamaasiin butamanii jiran , akkasumas lamilee Palastaayin mana hidhaa mootummaa Israa’el keessa jiran gadi laakisiisuu irratti hundaa’e, inni Yunaayitid Isteets, Masrii fi biyyi Kaatar jaarsumaadhaan geggeessaa jiran dhumaa torban kanaa keessa kalatiidhaan akka itti fufu maddii oduu Rooyiters gabaaseera.

Forum

XS
SM
MD
LG