FINFINNEE —
Godinaa Arsii Liixaa, aanaalee Siraroo fi Shaalaa keessatti namoonni kumatamaan lakkawwaman beelaaf saaxilan, jechuun VOAtti himan – jiraattonni tokko tokko.
Waajjiri hoggaansa soda balaa godinaa Arsii Liixaa gama isaatiin sababaa hongeen bara kana dheeraateef jecha aanaalee sana keessatti namoonni kuma 400 oli ta'an beelaaf saaxilamuu dubbate.
Hoggaansi Soda Balaa Naannoo Oromiyaa ammoo namoota beelaaf saxilamaan kanaaf degarsi godhamaa jira, jedha.